WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Afwalaloo Oromoo Aanaa Iluu Galaan: Sirna Awwaalcha Namootaa Irratti Xiyyeeffatu

Show simple item record

dc.contributor.author Mangistuu, Dirribsaa
dc.date.accessioned 2022-11-16T06:26:15Z
dc.date.available 2022-11-16T06:26:15Z
dc.date.issued 2022-05
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2206
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo koo xiinxala afwalaloo Oromoo kan sirna awwaalcha namootaa godina Shawaa Lixaa Aanaa Iluu Galaan irratti xiyyeefatedha. Ka’umsi qorannoo koo afwalaloon bay’een isaanii raga barreeffamaa hin qaban.Afwalaloon sirna awwaalchaas ragaa barreeffamaa waan hin qabneef harca’ee baduu danda’a. Kanaaf qoranoo kanaan ragaa barreeffama afwalaloo kanaa olkaa’uu ta’a. Barbaachisummaan qorannoo koo afwalaloo sirna awwaalchaa barreeffamaan olkaa’uun dhaloota yeroo ammaafi kandhufuu dhaalchisuun ogafaan Oromoo akka guddisan gochuufi namoota qorannoo kanafakkaatu gaggeessaniif daandiita’uudanda’a. Yaaxinni qorannookanaas yaaddidama tajaajilaati. Qorannoon kunis malleen qorannoo keessaa qorrannoo akkamtaa fayyadamuun kan gaggeeffamedha. Qorannoo koo kana wayiitan gaggeessu akaakuu iddatteessuu al-carraa keessaa iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaatti fayyadamuun kan gaggeeffamedha. Meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kana keessatti dhima itti bahaman keessaa; afgaaffii, marii gareefi daawwannaadhani. Bu'aan qorannicha aakka; Ergaan afwalaloo sirna awwaalchaa Oromoo: gootummaa ibsuuf, jaalalafi kabajaa hawaasni isaaf qabu ibsuuf, dinaagdee nama du’ee ibsuuf, abdiifi hawwii namnirraa qabu dhaamsa dabarsuu irratti kan xiyyeeffatedha. Faayidaa afwalaloo sirna awwaalchaa hawaasaaf qabu keessaa dhaloota haaraa seenaa dhaalchisuuf akka ooluufi dhaloota seenaa barsiisuun gara fulduraatti sirna kanaaf kunuunsa akka taasiisuuf hubanno kennaaf, Akkasumas, hawaasni du’a komachuuf oola. Yeroo sirna awwaalchaa afwalaloowwan dhimma itti bahaman kanneen akka dhaaduun himuu, dhaamsafi eebbadha. Jijjiirramni afwalaloon sirna awwaalchaarra jiru yeroo ammaa sababootaan akka teeknoloojii, amantiifi kkf gad bu’usaa hubachuun danda’ameera.Dhuma irrattis, argannoowwan kana irratti hunda'uun yaadni furmaataa qorataan kenname; afwalaloo sirna awwaalchaa Oromoo jiruufi jireenya hawaasumma keessatti qooda guddaa kan qabu waan ta’eef, qaamonnii dhimmi kun ilaallatu kana hubachuun rakkoo jiruuf furmaata laachuu, qajeelchuun hawaasa akka tajaajilu qabu osoo taasifame. Gaggeessitoonni yookiin abbootiin amantii ogafaan amantii irratti dhibbaa akka geessisuu hin dandeenye yookiin garaagarummaafi tokkummaa isaan gidduu jiru irratti osoo hawaasa hubachisani.Waajjirri Aadaafi Tuuriziimii Aanaa Ilugalaan sagaleefi vidiiyyoo waraabuun funaanee barreeffamatti hiikuun osoo olkaa’anii.Afwalaloon sirna awwaalchaa ergaafi faayidaa inni qabu ibsamuun osoo qabiyyee barnootaa keessatti hammachisanii. Barsiisonni Afaan Oromoofi hojjettoonni ogummaa kanatti hidhata qabaatan dhimma afwalaloon sirna awwaalchaa kana irratti osoo bal’inaan hojjetanii. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Afwalaloo en_US
dc.subject Sirna Awwaalcha en_US
dc.title Xiinxala Afwalaloo Oromoo Aanaa Iluu Galaan: Sirna Awwaalcha Namootaa Irratti Xiyyeeffatu en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account