Abstract:
Kaayyoon qorannoo koo xiinxala afwalaloo Oromoo kan sirna awwaalcha namootaa godina Shawaa
Lixaa Aanaa Iluu Galaan irratti xiyyeefatedha. Ka’umsi qorannoo koo afwalaloon bay’een isaanii raga
barreeffamaa hin qaban.Afwalaloon sirna awwaalchaas ragaa barreeffamaa waan hin qabneef harca’ee
baduu danda’a. Kanaaf qoranoo kanaan ragaa barreeffama afwalaloo kanaa olkaa’uu ta’a.
Barbaachisummaan qorannoo koo afwalaloo sirna awwaalchaa barreeffamaan olkaa’uun dhaloota
yeroo ammaafi kandhufuu dhaalchisuun ogafaan Oromoo akka guddisan gochuufi namoota qorannoo
kanafakkaatu gaggeessaniif daandiita’uudanda’a. Yaaxinni qorannookanaas yaaddidama tajaajilaati.
Qorannoon kunis malleen qorannoo keessaa qorrannoo akkamtaa fayyadamuun kan gaggeeffamedha.
Qorannoo koo kana wayiitan gaggeessu akaakuu iddatteessuu al-carraa keessaa iddatteessuu akkayyoofi
darbaa dabarsaatti fayyadamuun kan gaggeeffamedha. Meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kana
keessatti dhima itti bahaman keessaa; afgaaffii, marii gareefi daawwannaadhani. Bu'aan qorannicha
aakka; Ergaan afwalaloo sirna awwaalchaa Oromoo: gootummaa ibsuuf, jaalalafi kabajaa hawaasni
isaaf qabu ibsuuf, dinaagdee nama du’ee ibsuuf, abdiifi hawwii namnirraa qabu dhaamsa dabarsuu
irratti kan xiyyeeffatedha. Faayidaa afwalaloo sirna awwaalchaa hawaasaaf qabu keessaa dhaloota
haaraa seenaa dhaalchisuuf akka ooluufi dhaloota seenaa barsiisuun gara fulduraatti sirna kanaaf
kunuunsa akka taasiisuuf hubanno kennaaf, Akkasumas, hawaasni du’a komachuuf oola. Yeroo sirna
awwaalchaa afwalaloowwan dhimma itti bahaman kanneen akka dhaaduun himuu, dhaamsafi eebbadha.
Jijjiirramni afwalaloon sirna awwaalchaarra jiru yeroo ammaa sababootaan akka teeknoloojii, amantiifi
kkf gad bu’usaa hubachuun danda’ameera.Dhuma irrattis, argannoowwan kana irratti hunda'uun yaadni
furmaataa qorataan kenname; afwalaloo sirna awwaalchaa Oromoo jiruufi jireenya hawaasumma
keessatti qooda guddaa kan qabu waan ta’eef, qaamonnii dhimmi kun ilaallatu kana hubachuun rakkoo
jiruuf furmaata laachuu, qajeelchuun hawaasa akka tajaajilu qabu osoo taasifame. Gaggeessitoonni
yookiin abbootiin amantii ogafaan amantii irratti dhibbaa akka geessisuu hin dandeenye yookiin
garaagarummaafi tokkummaa isaan gidduu jiru irratti osoo hawaasa hubachisani.Waajjirri Aadaafi
Tuuriziimii Aanaa Ilugalaan sagaleefi vidiiyyoo waraabuun funaanee barreeffamatti hiikuun osoo
olkaa’anii.Afwalaloon sirna awwaalchaa ergaafi faayidaa inni qabu ibsamuun osoo qabiyyee barnootaa
keessatti hammachisanii. Barsiisonni Afaan Oromoofi hojjettoonni ogummaa kanatti hidhata qabaatan
dhimma afwalaloon sirna awwaalchaa kana irratti osoo bal’inaan hojjetanii.