| dc.description.abstract | Qorannoon kun Geerarsoota Haacaaluu Hundeessaa Yaaxxina Fayyadeesummaan Qaacceessuu 
irratti xiyyeeffata.Kaayyoo guddaan qorannoo kanaa,Geerarsootaa Haacaaluu gama siyaasan,
hawaasummaanifi dinagdeen qaban maal maal akka ta’e,fayyadamni afaanii geerarsoota kana 
keessatti argaman kanneen akkamii akka ta’e,adda baasuufi maaliif akka fayyadu ibsuu 
ta’a.Qorannoo kanaa galmaan ga’uuf meeshaaleen elektironiksii,funaansa ragaafi waraabbii 
sagalee kanneen akka kaaseettiifi siidii sagalee waraabamee jiru gara barreeffamaatti jijjiruun 
kaayyoo qorannichaa akka galmaan ga’anitti mata duree adda addaatti qooduun mala 
akkamtaan qaacceffamani jiru.Argannoowwan qorannoo kanaan argamanis,geerarsootni 
Haacaaluu qabiyyeewwan siyaasaa kan akka haacuccaa, tokkummaa dhabuu,dinagdeen 
Oromoo sababa saamicha gara garaan midhamuusaa kan ibse ta’uu bira 
ga’ameera.Haacaaluun geerarsoota isaa keessatti dubbiiwwan haalawaa adda addaa akka 
nama hawwatuu miidhaksee dhiyeesseera.Keessattuu,Cancalli jechamoota cicciimoo kan 
gubbaan isaanii jechoota faaya jaalaalaa dubbatan fakkaatanii, keessi isaanii garuu dhugaa 
hawaasaan guutaman, bu’uura jaallatamummaa geerarsoota Haacaaluu ta’uu bira ga’ameera. 
Fakkeenyaaf, jechamoota,raaguu,bakka buusa,fuggisoon akkaataa salphaa, nama hawwatuunfi 
saba Oromoo kakaasuun dhiyaatera.Geerarsootni Haacaaluu Hundeessaa seenaa 
barsiisu,tokkummaa cimsu,eenyummaa ibsu,gaaffii mirgaa kan dhiyeessan ta’uu hubatameera.
Dhuma irratti Geerarsootni Haacaaluu dhaloota keessatti eenyummaa cimsee waan 
jiruuf,beektonni Oromoo hojii adda addaarra jiran dhalootni akka hin daganneef,ogummaa 
qabaniin osoo barsiisanii gaarii ta’a.kan jedhu yaboo qorannoo kana keessatti ka’ameedha. | en_US |