Abstract:
Qorannoon kun Geerarsoota Haacaaluu Hundeessaa Yaaxxina Fayyadeesummaan Qaacceessuu
irratti xiyyeeffata.Kaayyoo guddaan qorannoo kanaa,Geerarsootaa Haacaaluu gama siyaasan,
hawaasummaanifi dinagdeen qaban maal maal akka ta’e,fayyadamni afaanii geerarsoota kana
keessatti argaman kanneen akkamii akka ta’e,adda baasuufi maaliif akka fayyadu ibsuu
ta’a.Qorannoo kanaa galmaan ga’uuf meeshaaleen elektironiksii,funaansa ragaafi waraabbii
sagalee kanneen akka kaaseettiifi siidii sagalee waraabamee jiru gara barreeffamaatti jijjiruun
kaayyoo qorannichaa akka galmaan ga’anitti mata duree adda addaatti qooduun mala
akkamtaan qaacceffamani jiru.Argannoowwan qorannoo kanaan argamanis,geerarsootni
Haacaaluu qabiyyeewwan siyaasaa kan akka haacuccaa, tokkummaa dhabuu,dinagdeen
Oromoo sababa saamicha gara garaan midhamuusaa kan ibse ta’uu bira
ga’ameera.Haacaaluun geerarsoota isaa keessatti dubbiiwwan haalawaa adda addaa akka
nama hawwatuu miidhaksee dhiyeesseera.Keessattuu,Cancalli jechamoota cicciimoo kan
gubbaan isaanii jechoota faaya jaalaalaa dubbatan fakkaatanii, keessi isaanii garuu dhugaa
hawaasaan guutaman, bu’uura jaallatamummaa geerarsoota Haacaaluu ta’uu bira ga’ameera.
Fakkeenyaaf, jechamoota,raaguu,bakka buusa,fuggisoon akkaataa salphaa, nama hawwatuunfi
saba Oromoo kakaasuun dhiyaatera.Geerarsootni Haacaaluu Hundeessaa seenaa
barsiisu,tokkummaa cimsu,eenyummaa ibsu,gaaffii mirgaa kan dhiyeessan ta’uu hubatameera.
Dhuma irratti Geerarsootni Haacaaluu dhaloota keessatti eenyummaa cimsee waan
jiruuf,beektonni Oromoo hojii adda addaarra jiran dhalootni akka hin daganneef,ogummaa
qabaniin osoo barsiisanii gaarii ta’a.kan jedhu yaboo qorannoo kana keessatti ka’ameedha.