WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Ergaa Sirboota Qeenxee Filataman, Kan Artistii Hacaaluu Hundeessaa Ija Yaaxina Seenawaan

Show simple item record

dc.contributor.author Geetuu, Dajanee
dc.date.accessioned 2022-10-25T07:32:40Z
dc.date.available 2022-10-25T07:32:40Z
dc.date.issued 2022-06
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2143
dc.description.abstract Qorannoon kun kan gaggeeffame sirboota qeenxee artisti Hacaaluu Hundeessaa (“maalan jira?,jirra jirra,cabsaafi maasaan gamaa”) jedhaman irratti. Kaayyoon dimshaashaa qorannoo kanaa, sirboota qeenxee (“maalan jira?,jirra jirra,cabsaafi maasaan gamaa”) jedhaman ergaa isaaniin xiinxaluudha. Bu’uuruma kanaan, sirboonni 4 ta’an mala iddattoo kaayyeffataa irratti hunda’uun qorannoo kanaaf filatamaniiru. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaatti fayyadamuun ragaaleen xiinxalamaniiru. Yaadxinni qorannoon kun bu’uureeffate yaadxina seenawaa fayyadamuun ergaan ijoo sirbaa haala hawaasummaa, siyaasaa, fi dinagdee keessa jiruu mul’isuun hiika isaa xiinxaluuf dhimma itti bahameera. Xiinxala ergaa sirboota kanneenii irratti gaggeeffameen ergaan ijoo isaanii tokkummaa siyaasa, diinagdee, dhiibbaa akka ta’e bu’aan qorannoo kun ni mul’isa. Akka waliigalaatti sirboonni weellisaa kanaa miidhaafi dhiibbaa ummata Oromoo irra karaa hawaasummaa, siyaasaa, dinagdeetiin sirna mootummaa yeroo sanaa keessatti gahaa ture jijjiiruuf, hubannoo ummataa uumuu fi kakaasuu keessatti gahee guddaa taphateera. Xumurarratti gaheen ergaa sirboota qeenxee filataman kan artisti Hacaaluu Hundeessaan weellifaman qabsoo ummata Oromoo keessatti qaban xiinxalamee barreeffamaan dhaloota dhufuuf dabarsuufi barsiisuuf gara fuula duraatti xiyyeeffannaan itti kennamee qoratamuu akka qabu akeekeekameera. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Qeenxee en_US
dc.subject Hacaaluu Hundeessaa en_US
dc.title Xiinxala Ergaa Sirboota Qeenxee Filataman, Kan Artistii Hacaaluu Hundeessaa Ija Yaaxina Seenawaan en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account