Abstract:
Qorannoon kun kan gaggeeffame sirboota qeenxee artisti Hacaaluu Hundeessaa (“maalan jira?,jirra
jirra,cabsaafi maasaan gamaa”) jedhaman irratti. Kaayyoon dimshaashaa qorannoo kanaa, sirboota
qeenxee (“maalan jira?,jirra jirra,cabsaafi maasaan gamaa”) jedhaman ergaa isaaniin xiinxaluudha.
Bu’uuruma kanaan, sirboonni 4 ta’an mala iddattoo kaayyeffataa irratti hunda’uun qorannoo kanaaf
filatamaniiru. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaatti fayyadamuun ragaaleen xiinxalamaniiru.
Yaadxinni qorannoon kun bu’uureeffate yaadxina seenawaa fayyadamuun ergaan ijoo sirbaa haala
hawaasummaa, siyaasaa, fi dinagdee keessa jiruu mul’isuun hiika isaa xiinxaluuf dhimma itti
bahameera. Xiinxala ergaa sirboota kanneenii irratti gaggeeffameen ergaan ijoo isaanii tokkummaa
siyaasa, diinagdee, dhiibbaa akka ta’e bu’aan qorannoo kun ni mul’isa. Akka waliigalaatti sirboonni
weellisaa kanaa miidhaafi dhiibbaa ummata Oromoo irra karaa hawaasummaa, siyaasaa, dinagdeetiin
sirna mootummaa yeroo sanaa keessatti gahaa ture jijjiiruuf, hubannoo ummataa uumuu fi kakaasuu
keessatti gahee guddaa taphateera. Xumurarratti gaheen ergaa sirboota qeenxee filataman kan artisti
Hacaaluu Hundeessaan weellifaman qabsoo ummata Oromoo keessatti qaban xiinxalamee
barreeffamaan dhaloota dhufuuf dabarsuufi barsiisuuf gara fuula duraatti xiyyeeffannaan itti kennamee
qoratamuu akka qabu akeekeekameera.