WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Dogoggor Hima Ijaaruu Keessatti Barattootni Aanaa Dandii Mana Barumsaa Giincii Sadarkaa Tokkoffaa Afaan Oromoo Akka Afaan Lammaffaatti Baratan Uuman: Barattoota Kutaa 8ffaa Irratti Xiyyeeffate

Show simple item record

dc.contributor.author Masslach, Biruk
dc.date.accessioned 2022-10-05T07:43:08Z
dc.date.available 2022-10-05T07:43:08Z
dc.date.issued 2022-05
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2134
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa dogoggora hima ijaaruu keessatti barattootni kutaa 8ffaa Afaan Oromoo akka afaan lammaffaatti baratan uuman xiinxaluudha.Qorannoon kunis Mana Barumsaa Giincii Kutaa 8ffaa irratti kan gaggeeffame yommuu ta’u, manni barumsaa kun kan filatameef mannen barumsaa aanaa sana keessa jiran keessaa barattoota Afaan Oromoo akka afaan lammaffaatti baratan kan qabu ykn kan barsiisu mana barumsa kana qofaa waan ta’eefidha. Mana barumsaa kana keessatti Afaan Oromoo kutaa 5ffaa irraa eegalee akka afaan lammaffatti barattoota barataniif kan kennamu yoota’eyyu barattootni kun hima Afaan Oromoo barreessuu irratti hanqina akka qaban karaa maatii barattootaafi barsiisota isaanii komeen yommuu ka’u nidhagahama. Dogoggora barattootni kun uuman adda baafachuun yaada furmaata kaa’uun barbaachisaa ta’uusaatti qorattuun amantee xiyyeeffannoo itti kenniteetti. Haaluma kanaan Qorannoon kun mala qorannoo ibsaa akkamtaafi ibsaa ammamtaan (makaan) kan gaggeeffamedha. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa barsiisota manabarumsaa Giinciisadarkaa tokkoffaa kutaa 8ffaa Afaan Oromoo akka afaan lammaffaatti barsiisaniifi barattoota Afaan Oromoo akka afaan lamaffatti baratanidha.Malli iddattoo dhimmi itti ba’ame mala iddattoo carraa(lottery sampling)fi mala iddattoo hunda hirmaachisaa (comprehensive sampling) yommuu ta’u, meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kanaas qormata,afgaaffii ,mariigareefi daawwannaan hojiirra oolaniiru. Ragaaleen funaanamanis, mala qaaccessa ragaalee lakkoofsaafi jechaan qaacceffamanii dhihaatanii jiru. Argannoon qorannoo kanaarraa argames hima ijaaruu keessatti sadrkaa jechaafi himaatti dogoggoroota qubeessuu haala baramaafi baramaa ala ta’een jechootaafi himoota barreessuu hima hiriyyee ijaaruu dadhbuu, walsimannaa dhabuu mtimaafi xummuraa kaka’umsa dhabuu barataa,dhiibbaa maatii, haala qophiifi qabiyyee kitaaba, dhiibbaa afaan dhlootaa ykn afaan dura baratamee shaakala barreessuufi duubdeebii gahaa dhabuu, seera barreeffama Afaan Oromoo irratti hubannoo gaha dhbuu akka ta’e biragahameera.Kanaafuu Barsiisoonni Afaan Oromoo akka afaan lammaffaatti barsiisan rakkoo ykn dogoggora barattootni kun hima gahumsa qabu ijaaruu irratti qaban (uuman) adda baasuun deeggarsa isaanirraa barbaadamu osoo taasiisan, manni barnootaafi maatiin barattootaa bu’aa afaan lammaffaa barachuu irratti osoo waliin mari’atan,waajirri(biiroon) barnootaa brsiisotaaf leenjii gaggabaabaa osoo kenne,barsiisonni mala baruu barsiisuu adda addaatti fayyadamuun osoo barsiisan gaarii ta’a. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Dogoggor Hima en_US
dc.subject Aanaa Dandii en_US
dc.title Xiinxala Dogoggor Hima Ijaaruu Keessatti Barattootni Aanaa Dandii Mana Barumsaa Giincii Sadarkaa Tokkoffaa Afaan Oromoo Akka Afaan Lammaffaatti Baratan Uuman: Barattoota Kutaa 8ffaa Irratti Xiyyeeffate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account