Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa dogoggora hima ijaaruu keessatti barattootni kutaa 8ffaa Afaan
Oromoo akka afaan lammaffaatti baratan uuman xiinxaluudha.Qorannoon kunis Mana
Barumsaa Giincii Kutaa 8ffaa irratti kan gaggeeffame yommuu ta’u, manni barumsaa kun kan
filatameef mannen barumsaa aanaa sana keessa jiran keessaa barattoota Afaan Oromoo akka
afaan lammaffaatti baratan kan qabu ykn kan barsiisu mana barumsa kana qofaa waan
ta’eefidha. Mana barumsaa kana keessatti Afaan Oromoo kutaa 5ffaa irraa eegalee akka afaan
lammaffatti barattoota barataniif kan kennamu yoota’eyyu barattootni kun hima Afaan Oromoo
barreessuu irratti hanqina akka qaban karaa maatii barattootaafi barsiisota isaanii komeen
yommuu ka’u nidhagahama. Dogoggora barattootni kun uuman adda baafachuun yaada
furmaata kaa’uun barbaachisaa ta’uusaatti qorattuun amantee xiyyeeffannoo itti kenniteetti.
Haaluma kanaan Qorannoon kun mala qorannoo ibsaa akkamtaafi ibsaa ammamtaan (makaan)
kan gaggeeffamedha. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa barsiisota
manabarumsaa Giinciisadarkaa tokkoffaa kutaa 8ffaa Afaan Oromoo akka afaan lammaffaatti
barsiisaniifi barattoota Afaan Oromoo akka afaan lamaffatti baratanidha.Malli iddattoo dhimmi
itti ba’ame mala iddattoo carraa(lottery sampling)fi mala iddattoo hunda hirmaachisaa
(comprehensive sampling) yommuu ta’u, meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kanaas
qormata,afgaaffii ,mariigareefi daawwannaan hojiirra oolaniiru. Ragaaleen funaanamanis,
mala qaaccessa ragaalee lakkoofsaafi jechaan qaacceffamanii dhihaatanii jiru. Argannoon
qorannoo kanaarraa argames hima ijaaruu keessatti sadrkaa jechaafi himaatti dogoggoroota
qubeessuu haala baramaafi baramaa ala ta’een jechootaafi himoota barreessuu hima hiriyyee
ijaaruu dadhbuu, walsimannaa dhabuu mtimaafi xummuraa kaka’umsa dhabuu
barataa,dhiibbaa maatii, haala qophiifi qabiyyee kitaaba, dhiibbaa afaan dhlootaa ykn afaan
dura baratamee shaakala barreessuufi duubdeebii gahaa dhabuu, seera barreeffama Afaan
Oromoo irratti hubannoo gaha dhbuu akka ta’e biragahameera.Kanaafuu Barsiisoonni Afaan
Oromoo akka afaan lammaffaatti barsiisan rakkoo ykn dogoggora barattootni kun hima
gahumsa qabu ijaaruu irratti qaban (uuman) adda baasuun deeggarsa isaanirraa barbaadamu
osoo taasiisan, manni barnootaafi maatiin barattootaa bu’aa afaan lammaffaa barachuu irratti
osoo waliin mari’atan,waajirri(biiroon) barnootaa brsiisotaaf leenjii gaggabaabaa osoo
kenne,barsiisonni mala baruu barsiisuu adda addaatti fayyadamuun osoo barsiisan gaarii ta’a.