WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Qaaccessa Malleen Seerluga Afaan Oromoo Barsiisuu (Mana Barumsaa Jeneraal Waaqoo Guutuu Sad. 2ffaa Kutaa 9ffaa Irratti Kan Xiyyeeffatu.)

Show simple item record

dc.contributor.author Dirribee, Safaraa
dc.date.accessioned 2022-09-16T12:30:26Z
dc.date.available 2022-09-16T12:30:26Z
dc.date.issued 2022-05
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2059
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan malleen fayyadamuun seerluga Afaan Oromoo barsiisuu mana barumsaa Jeneeraaal Waaqoo Guutuu Sad.2ffaa kutaa 9ffaa qaaccessuudha. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa walmakaa (mala makoon) ta‟een kan ibsi itti kennamedha. Maddi ragaalee qorannoo kana yemmuu gaggeessitu gaaffilee qorannoo kana keessatti ka‟aniif deebii kennu waliin walqabatee jira. Kunis, madda odeeffannoo jalqabaa (primary source data), kanneen akka barsiisota barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa barsiisaanfi barattootaa kutaa kana baratanidha. Kana malees, qorannoo kana yemmuu gaggeessitu mala iddatteessuu miti- carraa keessaa iddatteessuu akkaayyoo xiyyeeffannoo qorannoo ishii waan ta‟eef itti fayyadamteeti. Tooftaan funaansa ragaalee daawwannaa daree bargaaffiifi afgaaffiitiin walitti qabame xiinxalamee jira. Xiinxala taasifamerraa bu‟aan argame akka ibsutti, malleenitti fayyadamuun qabiyyee seerluga Afaan Oromoo kutaa 9ffaa mana barumsaa Jeneeraal Waaqoo Guutuu kutaa 9ffaa barsiisuurratti hanqina jiraachuu isaati. Baruu barsiisuu qabiyyee seerluga Afaan Oromoo kutaa 9ffaa keessatti qophii gahaa gochuu dhabuu barsiisotaarraa kan ka‟e malleen qabiyyicha waliin deeman sirnaan filatanii barsiisuurratti qaawwa bal‟aan jiraachuu isaa hubatameera. Akkasumas, qabiyyeen seerlugaa hawwataa ta‟uu dhabuufi dandeettii barattootaa waliin walsimuu dhabuu isaa xiyyeeffannoon kan hinkennamneef ta‟uusaa agarsiisa. Kana malees, malleen filatamoo ta‟an filachuun qabiyyicha hawwataa gochuun dhiheessuurratti bakki kennameef xiqqaa ta‟uun hubatamee jira. Dhumarrattis, argannoowwan irratti hundaa‟uun, haala malleenitti fayyadamuun seerluga Afaan Oromoo mana barumsaa Jeneeraaal Waaqoo Guutuu Sad.2ffaa kutaa 9ffaa barsiisuu irratti furmaanni qorattuun kaa‟ameera. Kunis qaamooleen dhimmichi ilaallatu, barsiisonni kallattiin irratti qooda fudhatan akkasumas, qopheessitoonni meeshaalee sirna barnootaafi qaamooleen barnoota irratti hojjetan sadarkaa sadarkaan jiran hanqinoota mul‟atan kanneen irra deebi‟uun madaaluun akka foyya‟iinsi taasifamuufi danda‟u yaanni furmaataa kennamera en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Qaaccessa en_US
dc.subject Seerluga en_US
dc.subject Barsiisuu en_US
dc.title Qaaccessa Malleen Seerluga Afaan Oromoo Barsiisuu (Mana Barumsaa Jeneraal Waaqoo Guutuu Sad. 2ffaa Kutaa 9ffaa Irratti Kan Xiyyeeffatu.) en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account