Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan malleen fayyadamuun seerluga Afaan Oromoo barsiisuu
mana barumsaa Jeneeraaal Waaqoo Guutuu Sad.2ffaa kutaa 9ffaa qaaccessuudha. Qorannoon
kun mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa walmakaa (mala makoon) ta‟een kan ibsi itti
kennamedha. Maddi ragaalee qorannoo kana yemmuu gaggeessitu gaaffilee qorannoo kana
keessatti ka‟aniif deebii kennu waliin walqabatee jira. Kunis, madda odeeffannoo jalqabaa
(primary source data), kanneen akka barsiisota barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa barsiisaanfi
barattootaa kutaa kana baratanidha. Kana malees, qorannoo kana yemmuu gaggeessitu mala
iddatteessuu miti- carraa keessaa iddatteessuu akkaayyoo xiyyeeffannoo qorannoo ishii waan
ta‟eef itti fayyadamteeti. Tooftaan funaansa ragaalee daawwannaa daree bargaaffiifi
afgaaffiitiin walitti qabame xiinxalamee jira. Xiinxala taasifamerraa bu‟aan argame akka ibsutti,
malleenitti fayyadamuun qabiyyee seerluga Afaan Oromoo kutaa 9ffaa mana barumsaa Jeneeraal
Waaqoo Guutuu kutaa 9ffaa barsiisuurratti hanqina jiraachuu isaati. Baruu barsiisuu qabiyyee
seerluga Afaan Oromoo kutaa 9ffaa keessatti qophii gahaa gochuu dhabuu barsiisotaarraa kan
ka‟e malleen qabiyyicha waliin deeman sirnaan filatanii barsiisuurratti qaawwa bal‟aan jiraachuu
isaa hubatameera. Akkasumas, qabiyyeen seerlugaa hawwataa ta‟uu dhabuufi dandeettii
barattootaa waliin walsimuu dhabuu isaa xiyyeeffannoon kan hinkennamneef ta‟uusaa agarsiisa.
Kana malees, malleen filatamoo ta‟an filachuun qabiyyicha hawwataa gochuun dhiheessuurratti
bakki kennameef xiqqaa ta‟uun hubatamee jira. Dhumarrattis, argannoowwan irratti hundaa‟uun,
haala malleenitti fayyadamuun seerluga Afaan Oromoo mana barumsaa Jeneeraaal Waaqoo
Guutuu Sad.2ffaa kutaa 9ffaa barsiisuu irratti furmaanni qorattuun kaa‟ameera. Kunis
qaamooleen dhimmichi ilaallatu, barsiisonni kallattiin irratti qooda fudhatan akkasumas,
qopheessitoonni meeshaalee sirna barnootaafi qaamooleen barnoota irratti hojjetan sadarkaa
sadarkaan jiran hanqinoota mul‟atan kanneen irra deebi‟uun madaaluun akka foyya‟iinsi
taasifamuufi danda‟u yaanni furmaataa kennamera