WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Ergaa Weedduu Jaalalleewwanii: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu Irratti Xiyyeeffate.

Show simple item record

dc.contributor.author Mootii, Ajjamaa
dc.date.accessioned 2022-09-09T07:28:10Z
dc.date.available 2022-09-09T07:28:10Z
dc.date.issued 2022-06
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2044
dc.description.abstract Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa ergaa weedduu jaalalleewwanii koorniyaa faallaa ta’anii Oromoo aanaa Jalduu xiinxaluudha. Saxaxni qorannoo kanaa qorannoo akkamtaa keessaaa sanyaabsaa yoo ta’u, tooftaa, iddatteessuu akkaayyoofi darbaan dabarsaatiin filatameera. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaati. Meeshaaleen funaansa ragaa qorannicha keessatti dhimma bahame; afgaaffiifi marii garee xiyyeeffataati. Odeeffannoowwan walitti qabamanis, ija yaaxina tajaajilummaafi yaaxina xiinsammu bu’uura godhachuun xiinxalamaniiru. Kunis, boqonnaa afur keessatti qaacceeffamanii hiikni itti kennameera. Kanumaan bu’aan argannoo qorannichaan bira gahamee: Weedduun jaalalleewwanii ergaa akkamii akka qaban addaan bahuun, abdii kutannaa, jaalalaan booji’amuufi waliirraa fagaatanii jiraachuun akkatti jaalalleewwan lamaan weedduu kanaan ergaa waliif dabarsan ta’uun bira gahameera. Faayidaan ergaa weedduu jaalalleewwanii adda bahuun kan bira gahaman yoo ta’uu, Isaaniis, Cimsuu, barsiisuu, ibsuufi dinqisifachuu akka ta’e hubatameera. Ergaan weedduu jaalalleewwanii yoomeessa akkamii keessatti akka dhiyaatu hubatameera. Kunis, yeroo beelaa, jeequmsa keessoofi yeroo hongeellee kan weeddifamu ta’uun bira gahameera. Akkasumas,Weedduun jaalalleewwanii fakkoommiiwwan kanneen akka ilillii, gingili, wullee, dabaaqula, baaqelaa, dimbittii, qamalee, gugee, farda Salalee, mana mulaaleefi agadaatti fakkeeffamuun ergaa kanneen akka abdii kutannaa, jaalalan booji’amuu, walirraa fagataanii jiraachuu, cimsuu, barsiisuu, to’achuu, ibsuu, miliquufi kanneen kana fafakkaatan dabarsachaa jiraachuun bira gahameera. Dhumarratti, argannoo bira gahame bu’uureeffachuun yaboon kennameera. Qorattoonni afaanii, seenaa, aadaa, xiinsammuufi afoola weedduu jaalalleewwaniitiif xiyyeeffannoo kennuun akkaataa dirree qorannoosaaniin walitti dhufuun qorannoo gadi fagoo irratti osoo adeemsisanii gaariidha. Weellistoonni Oromoo weedduu jaalalleewwanii ammayyeessuun yookiin akkuma jirutti hojjachuun hawaasaaf osoo dhiyeessanii misha. Qorattoonni aadaafi afaan hawaasaa qoratan qorannoo kana akka ka’umsatti fayyadamanii ergaa sirboota garagaara aadaa hawaasicha keessa jiran bal’inaan osoo qoratani.Barsiisinni afaanii afwalooloo weedduu jaalalleewwanii koorniyaa waliif faallaa ta’an walitti qabanii kuusaa deemanii dhalootaa dhalootatti akka darbu osoo taasisanii gaariidha. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Ergaa Weedduu en_US
dc.subject Aanaa Jalduu en_US
dc.title Xiinxala Ergaa Weedduu Jaalalleewwanii: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu Irratti Xiyyeeffate. en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account