Abstract:
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa ergaa weedduu jaalalleewwanii koorniyaa faallaa ta’anii
Oromoo aanaa Jalduu xiinxaluudha. Saxaxni qorannoo kanaa qorannoo akkamtaa keessaaa
sanyaabsaa yoo ta’u, tooftaa, iddatteessuu akkaayyoofi darbaan dabarsaatiin filatameera. Maddi
ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaati. Meeshaaleen funaansa ragaa qorannicha keessatti
dhimma bahame; afgaaffiifi marii garee xiyyeeffataati. Odeeffannoowwan walitti qabamanis, ija
yaaxina tajaajilummaafi yaaxina xiinsammu bu’uura godhachuun xiinxalamaniiru. Kunis,
boqonnaa afur keessatti qaacceeffamanii hiikni itti kennameera. Kanumaan bu’aan argannoo
qorannichaan bira gahamee: Weedduun jaalalleewwanii ergaa akkamii akka qaban addaan
bahuun, abdii kutannaa, jaalalaan booji’amuufi waliirraa fagaatanii jiraachuun akkatti
jaalalleewwan lamaan weedduu kanaan ergaa waliif dabarsan ta’uun bira gahameera. Faayidaan
ergaa weedduu jaalalleewwanii adda bahuun kan bira gahaman yoo ta’uu, Isaaniis, Cimsuu,
barsiisuu, ibsuufi dinqisifachuu akka ta’e hubatameera. Ergaan weedduu jaalalleewwanii
yoomeessa akkamii keessatti akka dhiyaatu hubatameera. Kunis, yeroo beelaa, jeequmsa keessoofi
yeroo hongeellee kan weeddifamu ta’uun bira gahameera. Akkasumas,Weedduun jaalalleewwanii
fakkoommiiwwan kanneen akka ilillii, gingili, wullee, dabaaqula, baaqelaa, dimbittii, qamalee,
gugee, farda Salalee, mana mulaaleefi agadaatti fakkeeffamuun ergaa kanneen akka abdii
kutannaa, jaalalan booji’amuu, walirraa fagataanii jiraachuu, cimsuu, barsiisuu, to’achuu, ibsuu,
miliquufi kanneen kana fafakkaatan dabarsachaa jiraachuun bira gahameera. Dhumarratti,
argannoo bira gahame bu’uureeffachuun yaboon kennameera. Qorattoonni afaanii, seenaa, aadaa,
xiinsammuufi afoola weedduu jaalalleewwaniitiif xiyyeeffannoo kennuun akkaataa dirree
qorannoosaaniin walitti dhufuun qorannoo gadi fagoo irratti osoo adeemsisanii gaariidha.
Weellistoonni Oromoo weedduu jaalalleewwanii ammayyeessuun yookiin akkuma jirutti hojjachuun
hawaasaaf osoo dhiyeessanii misha. Qorattoonni aadaafi afaan hawaasaa qoratan qorannoo kana
akka ka’umsatti fayyadamanii ergaa sirboota garagaara aadaa hawaasicha keessa jiran bal’inaan
osoo qoratani.Barsiisinni afaanii afwalooloo weedduu jaalalleewwanii koorniyaa waliif faallaa
ta’an walitti qabanii kuusaa deemanii dhalootaa dhalootatti akka darbu osoo taasisanii gaariidha.