WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Ergaa Durdurii Bineensotaa Oromoo: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ilfataa.

Show simple item record

dc.contributor.author Girmaa, Ajjamaa
dc.date.accessioned 2022-09-02T11:14:48Z
dc.date.available 2022-09-02T11:14:48Z
dc.date.issued 2022-05
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/1961
dc.description.abstract Kaayyoon waliigala qorannoo kanaa xiinxala ergaa durdurii bineensotaa oromoo godina shawaa Lixaa aanaa Ilfataa keessatti dubbataman xiinxaluudha. Kanaaf yaadxina afoolaa jiran keessaa faayidaalessummaafi xiinsammuu buureffateera. Dayeessonni kun durduriin hawaasa keessatti faayidaa inni qabu xiinxaluuf kan gargaaranidha. Ka’umsi qorannoo kanaa beekumsa sababa yeroo ammaa durduritti baay’inaan fayyadamuun hir’atee jiruuf, durduriin akka hin badneef barreeffamaan dhalootaaf olkaa’uufidha.Akkasumas qorannoon ergaa durdurii bineensotaa oromoo xiinxaluurratti kallattiin taasifame sakattaa’a qorataan hanga ammaatti taasiseen waan hin arganneef qorannoo irratti gaggeessee beekumsa gama kanaan jiru as baasuufidha.Malli qorannoo kana geggeessuu keessatti dhimma itti ba’ame mala qorannoo qulqulleeffataa/akkamtaati. Durduriiwwan bineensotaa kansassaabaman madda ragaa sadarkaa tokkoffaan afgaaffii fi marii gareetiinidha. Durduriiwwan sassaabaman kunis digdamii sagal (29) yeroo ta’a, maanguddoota abbootiifi haadholii akkasumas barsiisota durdurii bineensotaa himuu irra darbanii dhimmuma durdurii ilaalchisee beekumsaafi muuxannoo gahaa qabu jedhaman mala iddatteessuu kaayyeffataa/murtoo (purposive sampling) fi mala iddatteessuu darbaan dabarsaatiin filamanirraayi. Durduriiwwan bineensotaa sassaabamanis akkataa kaayyoo qorannichaatiin mala qaaccessa ragaa qulqlleeffataatii /qualitative data analysis/ tti fayyadamuun erga qaacceffamanii booda hiikni itti laatameera. Argannoo irra gahameenis durduriin bineensotaa ergaa wal dhaga’uu, kaayyoo murteffataniif jiraachuu akka qaban, milkaa’ina barbaadan bira gahuuf amaleeffannaa kaleessa nama qabe keessaa bahuun murteessaa akka ta’e agarsiifameera. Akka xiinxalli odeeffannoo sassaabame agarsiisutti ergaan durdurii bineensotaa irra caala kan xiyyeeffatu abshaala ta’uun miidhaa nama quunnamuu malu jalaa miliquu irratti kan xiyyeeffatu ta’uu isaa bira gahameera. Durduriin bineensotaa Gowwummaa wallaalummaarraa maddu qeequun qaroomina jabeessa. Dhuma irratti durduriiwwan bineensotaa aadaa fi dudhaa saba Oromoo calaqqisiisuufi guddina afaan Oromootiif shoora ol’aana qabu kununsuu fi sassabuun barreeffamaan dhaloota boriitti dabarsuuf yookiin akka hindagatamne taasisuuf yaboon laatamee jira. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Ergaa Durdurii Bineensotaa en_US
dc.subject Aanaa Ilfataa en_US
dc.title Xiinxala Ergaa Durdurii Bineensotaa Oromoo: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ilfataa. en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account