Abstract:
Kaayyoon waliigala qorannoo kanaa xiinxala ergaa durdurii bineensotaa oromoo godina
shawaa Lixaa aanaa Ilfataa keessatti dubbataman xiinxaluudha. Kanaaf yaadxina afoolaa jiran
keessaa faayidaalessummaafi xiinsammuu buureffateera. Dayeessonni kun durduriin hawaasa
keessatti faayidaa inni qabu xiinxaluuf kan gargaaranidha. Ka’umsi qorannoo kanaa beekumsa
sababa yeroo ammaa durduritti baay’inaan fayyadamuun hir’atee jiruuf, durduriin akka hin
badneef barreeffamaan dhalootaaf olkaa’uufidha.Akkasumas qorannoon ergaa durdurii
bineensotaa oromoo xiinxaluurratti kallattiin taasifame sakattaa’a qorataan hanga ammaatti
taasiseen waan hin arganneef qorannoo irratti gaggeessee beekumsa gama kanaan jiru as
baasuufidha.Malli qorannoo kana geggeessuu keessatti dhimma itti ba’ame mala qorannoo
qulqulleeffataa/akkamtaati. Durduriiwwan bineensotaa kansassaabaman madda ragaa sadarkaa
tokkoffaan afgaaffii fi marii gareetiinidha. Durduriiwwan sassaabaman kunis digdamii sagal
(29) yeroo ta’a, maanguddoota abbootiifi haadholii akkasumas barsiisota durdurii bineensotaa
himuu irra darbanii dhimmuma durdurii ilaalchisee beekumsaafi muuxannoo gahaa qabu
jedhaman mala iddatteessuu kaayyeffataa/murtoo (purposive sampling) fi mala iddatteessuu
darbaan dabarsaatiin filamanirraayi. Durduriiwwan bineensotaa sassaabamanis akkataa
kaayyoo qorannichaatiin mala qaaccessa ragaa qulqlleeffataatii /qualitative data analysis/ tti
fayyadamuun erga qaacceffamanii booda hiikni itti laatameera. Argannoo irra gahameenis
durduriin bineensotaa ergaa wal dhaga’uu, kaayyoo murteffataniif jiraachuu akka qaban,
milkaa’ina barbaadan bira gahuuf amaleeffannaa kaleessa nama qabe keessaa bahuun
murteessaa akka ta’e agarsiifameera. Akka xiinxalli odeeffannoo sassaabame agarsiisutti
ergaan durdurii bineensotaa irra caala kan xiyyeeffatu abshaala ta’uun miidhaa nama
quunnamuu malu jalaa miliquu irratti kan xiyyeeffatu ta’uu isaa bira gahameera. Durduriin
bineensotaa Gowwummaa wallaalummaarraa maddu qeequun qaroomina jabeessa. Dhuma irratti
durduriiwwan bineensotaa aadaa fi dudhaa saba Oromoo calaqqisiisuufi guddina afaan
Oromootiif shoora ol’aana qabu kununsuu fi sassabuun barreeffamaan dhaloota boriitti
dabarsuuf yookiin akka hindagatamne taasisuuf yaboon laatamee jira.