WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Asoosama Suuraa Abdii: Yaadiddama Maarkiisiistootaan

Show simple item record

dc.contributor.author Galaanee, Kabbadaa
dc.date.accessioned 2022-08-31T06:58:28Z
dc.date.available 2022-08-31T06:58:28Z
dc.date.issued 2022-05
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/1951
dc.description.abstract Qorannoon kun mata-duree Xiinxala asoosama Suuraa Abdii ija yaadiddama maarkisiistootaan jedhu irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa asoosama dheeraa Suuraa Abdii ija yaadiddama maarkiisiistootaan xiinxaluudha. Qorannichaaf ka„umsa kan ta„e gama qeeqa og-barruu Oromoon qorannoon asoosamoota Oromoorratti hojjataman keessumattuu gama yaadiddama maarkisiistootaatiin qorannoon hajjataman bal‟inaan mul‟achuu dhabuu. Akkasumas, ogbarruun qeeqamuun dhimma barbaachisaa ta‟uu isaati. Gosti qorannoo kanaa qorannoo akkamtaa yoo ta‟u,mala iddatteessuu kaayyeffataatti dhimma bahame. Ragaaleen qorannoo kanaaf barbaachisan madda ragaa tokkoffaa asoosama filatame irraa funaanamuun qorannichi adeemsifame. Malli odeeffannoon ittiin funaanames mala sakatta‟a barruu fayyadamuuni. Haaluma kanaan asoosamoota Oromoo jiran keessaa asoosama Suuraa Abdii filachuun, dhiibbaa fayyadama dinagdeerratti caasaaleen siyaasaafi hawaasaa walirraan geessisaa turan,dhimmoota hawaasaa asoosamicha keessatti mul‟ataniifi dinagdeerratti hundaa‟uun ilaalcha caasaalee siyaasaafi hawaasaaf kennametu xiinxalame. Kanaafuu, argannoon qorannichaa dhiibbaa caasaaleen siyaasaafi hawaasaa itti fayyadama dinagdeerratti walirraan geessisaa turan ilaalchisee, warri abbaa aangoo ta‟an aangoo dawoo gadhatanii loogii hojjachuun sanyiin qoodanii waajjira addaa addaa keessatti sadarkaa guddinaa kennaa akka turan ibsameera. Kunis, namfakkiin caasaa siyaasaafi hawaasaa olaanaarra jiru warra isaa gadii keessumattuu warra hojii humnaan jiraatan hojii fooyya‟aa hojjatanii jireenya isaanii akka hinjijjiirreef acuucaa akka ture ibsameera. Dhimmoonni hawaasaa addaa addaa asoosamicha keessaatti mul‟atan xiinxalamaniiru. Dinagdeerratti hundaa‟uun ilaalchi caasaalee siyaasaafi hawaasaaf kenname asoosamicha keessatti mul‟ate ibsameera. Dhuma qorannoo kanaarratti yaadiddama maarkiisiistootaan qorannoon bal‟aan asoosamoota aadda addarratti osoo gaggeeffame gaarii ta‟a jechuun akka yaada furmataattii qorattuun qorannoo kanaa keessee jirti. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Asoosama en_US
dc.subject Suuraa Abdii en_US
dc.title Xiinxala Asoosama Suuraa Abdii: Yaadiddama Maarkiisiistootaan en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account