Abstract:
Qorannoon kun mata-duree Xiinxala asoosama Suuraa Abdii ija yaadiddama
maarkisiistootaan jedhu irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa
asoosama dheeraa Suuraa Abdii ija yaadiddama maarkiisiistootaan xiinxaluudha.
Qorannichaaf ka„umsa kan ta„e gama qeeqa og-barruu Oromoon qorannoon asoosamoota
Oromoorratti hojjataman keessumattuu gama yaadiddama maarkisiistootaatiin qorannoon
hajjataman bal‟inaan mul‟achuu dhabuu. Akkasumas, ogbarruun qeeqamuun dhimma
barbaachisaa ta‟uu isaati. Gosti qorannoo kanaa qorannoo akkamtaa yoo ta‟u,mala
iddatteessuu kaayyeffataatti dhimma bahame. Ragaaleen qorannoo kanaaf barbaachisan
madda ragaa tokkoffaa asoosama filatame irraa funaanamuun qorannichi adeemsifame.
Malli odeeffannoon ittiin funaanames mala sakatta‟a barruu fayyadamuuni. Haaluma
kanaan asoosamoota Oromoo jiran keessaa asoosama Suuraa Abdii filachuun, dhiibbaa
fayyadama dinagdeerratti caasaaleen siyaasaafi hawaasaa walirraan geessisaa
turan,dhimmoota hawaasaa asoosamicha keessatti mul‟ataniifi dinagdeerratti hundaa‟uun
ilaalcha caasaalee siyaasaafi hawaasaaf kennametu xiinxalame. Kanaafuu, argannoon
qorannichaa dhiibbaa caasaaleen siyaasaafi hawaasaa itti fayyadama dinagdeerratti
walirraan geessisaa turan ilaalchisee, warri abbaa aangoo ta‟an aangoo dawoo gadhatanii
loogii hojjachuun sanyiin qoodanii waajjira addaa addaa keessatti sadarkaa guddinaa
kennaa akka turan ibsameera. Kunis, namfakkiin caasaa siyaasaafi hawaasaa olaanaarra
jiru warra isaa gadii keessumattuu warra hojii humnaan jiraatan hojii fooyya‟aa hojjatanii
jireenya isaanii akka hinjijjiirreef acuucaa akka ture ibsameera. Dhimmoonni hawaasaa
addaa addaa asoosamicha keessaatti mul‟atan xiinxalamaniiru. Dinagdeerratti hundaa‟uun
ilaalchi caasaalee siyaasaafi hawaasaaf kenname asoosamicha keessatti mul‟ate
ibsameera. Dhuma qorannoo kanaarratti yaadiddama maarkiisiistootaan qorannoon
bal‟aan asoosamoota aadda addarratti osoo gaggeeffame gaarii ta‟a jechuun akka yaada
furmataattii qorattuun qorannoo kanaa keessee jirti.