WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Qaaccessa Ergaa Walaloo Kadhannaafi Galateeffannaa Ayyaana Irreecha Malkaa Oromoo: Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Walisoorratti Kan Xiyyee

Show simple item record

dc.contributor.author Waaqoo, Tafarraa
dc.date.accessioned 2022-05-19T10:58:07Z
dc.date.available 2022-05-19T10:58:07Z
dc.date.issued 2021-10
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/1921
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree “Qaaccessa ergaa walaloo kadhannaafi galateeffannaa ayyaana irreecha malkaa Oromoo Godina Shawaa kibba Lixaakan Aanaa Walisoo” jedhurratti geggeeffame. Kaayyoo kana galmaan ga‟uufis malli qorannoo kana geggeessuu keessatti dhimma itti ba‟ame mala qorannoo akkamtaa ture. Sababni malli qorannoo kun filatameefis odeeffannoon qorannoo kana keessatti dhimma itti ba‟ame jechaan waan ibsameefidha. Maddi ragaa qorannoo kana gaggeessuu keessatti qorataan itti dhimma ba‟e madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaati. Maddi ragaa tokkoffaan kunis manguddoota Oromoo Aanaa Walisoo keessatti argaman kanneen kabaja ayyaana irreecha malkaa irratti hirmaataniifi hubannoo bal‟aa qabu jedhamanii yaadamani turan. Maddi ragaa lammaffaa immoo ragaalee ayyaana irreechaa malkaa ilaalchisee qakka Aanaa Walisootti barreeffamaan jiraniidha. Malli iddatteessuu qorannoo kana geggeessuu keessatti dhimma itti ba‟ame mala iddatteessuu kaayyeffataa /murtoo (purposive sampling)fi mala iddatteessuu darbaan dabarsaati. Qorannoo kana geggeessuu keessatti meeshaaleen ragaa funaanuuf dhimma itti ba‟aman afgaaffii, marii gareefi daawwannaadha. walaloon ayyaana irreecha malkaa irratti dhiyyaatan ergaa bacaqiifi booruu gannaa hulluuqanii gara booqa birraatti nagaan bahuu, akkasumas, rakkoolee rooba cimaa, laggeeniifi harawwan guutuu, lolaawwan sodaa mandiisuun ,angaasuuniifi kkf. jala nagaan darbanii walarguu isaanii waliif ibsuu dabarsa. walaloo kadhannaafi galateeffannaa ayyaana irreechaa malkaa irratti dhiyyaatan aadaa, eenyummaa, seenaa, safuu,amantaa ibsuuf gargaara. Kun immoo gaaga‟ama eenyummaa sababa babal‟ina ammayyummaa, amantaalee garaagaraafi dhiibbaalee karaa siyaasaatiin qaqqaban irraa hambisuuf tajaajila.Hayyoonni hawaasa aanaa kanaa kanneen akka jaarsoolii biyyaa, abbootii gadaaf haawwan siiqqee waa‟ee kadhannaafi galateeffannaa ayyaana irreecha malkaa kana ilmaan isaanii qabsiisuun dhalootatti dabarsuuqabu. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Qaaccessa en_US
dc.subject Ergaa Walaloo en_US
dc.subject Ayyaana Irreecha en_US
dc.title Qaaccessa Ergaa Walaloo Kadhannaafi Galateeffannaa Ayyaana Irreecha Malkaa Oromoo: Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Walisoorratti Kan Xiyyee en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account