Abstract:
Qorannoon kun mata duree “Qaaccessa ergaa walaloo kadhannaafi galateeffannaa ayyaana
irreecha malkaa Oromoo Godina Shawaa kibba Lixaakan Aanaa Walisoo” jedhurratti
geggeeffame. Kaayyoo kana galmaan ga‟uufis malli qorannoo kana geggeessuu keessatti
dhimma itti ba‟ame mala qorannoo akkamtaa ture. Sababni malli qorannoo kun filatameefis
odeeffannoon qorannoo kana keessatti dhimma itti ba‟ame jechaan waan ibsameefidha. Maddi
ragaa qorannoo kana gaggeessuu keessatti qorataan itti dhimma ba‟e madda ragaa
tokkoffaafi madda ragaa lammaffaati. Maddi ragaa tokkoffaan kunis manguddoota Oromoo
Aanaa Walisoo keessatti argaman kanneen kabaja ayyaana irreecha malkaa irratti
hirmaataniifi hubannoo bal‟aa qabu jedhamanii yaadamani turan. Maddi ragaa lammaffaa
immoo ragaalee ayyaana irreechaa malkaa ilaalchisee qakka Aanaa Walisootti
barreeffamaan jiraniidha.
Malli iddatteessuu qorannoo kana geggeessuu keessatti dhimma itti ba‟ame mala iddatteessuu
kaayyeffataa /murtoo (purposive sampling)fi mala iddatteessuu darbaan dabarsaati. Qorannoo
kana geggeessuu keessatti meeshaaleen ragaa funaanuuf dhimma itti ba‟aman afgaaffii, marii
gareefi daawwannaadha. walaloon ayyaana irreecha malkaa irratti dhiyyaatan ergaa
bacaqiifi booruu gannaa hulluuqanii gara booqa birraatti nagaan bahuu, akkasumas,
rakkoolee rooba cimaa, laggeeniifi harawwan guutuu, lolaawwan sodaa mandiisuun
,angaasuuniifi kkf. jala nagaan darbanii walarguu isaanii waliif ibsuu dabarsa.
walaloo kadhannaafi galateeffannaa ayyaana irreechaa malkaa irratti dhiyyaatan aadaa,
eenyummaa, seenaa, safuu,amantaa ibsuuf gargaara. Kun immoo gaaga‟ama eenyummaa
sababa babal‟ina ammayyummaa, amantaalee garaagaraafi dhiibbaalee karaa siyaasaatiin
qaqqaban irraa hambisuuf tajaajila.Hayyoonni hawaasa aanaa kanaa kanneen akka jaarsoolii
biyyaa, abbootii gadaaf haawwan siiqqee waa‟ee kadhannaafi galateeffannaa ayyaana
irreecha malkaa kana ilmaan isaanii qabsiisuun dhalootatti dabarsuuqabu.