WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Asoosama Ce’aa Jireenyaa: Ija Yaaxxina Maarkisizimiin

Show simple item record

dc.contributor.author Biqiltuu, Taakkalaa
dc.date.accessioned 2025-10-21T08:07:27Z
dc.date.available 2025-10-21T08:07:27Z
dc.date.issued 2025-10
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/4779
dc.description.abstract Qorannoon kun asoosama Ce’aa Jireenyaa jedhu kan Beekii Hurrisaatiin barreeffamee Ija Yaaxxina Maarkiisiizimiin xiinxaluun hanga tokko hubannoo akka uumuuf kan fuulleffatamedha. Kaayyoo ijoon waraqaa kanaas kanuma. Barreessaan hagam qajeeltoowwan yaaxxinaalee kanaa gargaaramee dhimmoota hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa akka ibse; namfakkiilee gareewwan hawaasaa dinagdee bu’uureffatanii uumaman agarsiisuusaafi yoomeessaa asoosamaa sana haala kamiin akka agarsiisetu gadi fageenyaan xiinxalame. Kaayyoo kana galmaan gahuufis qorattuun mala sakatta’a barruu gargaaramuun odeeffannoo qorannichaaf barbaachisan walitti qabateetti. Qorannoo kana keessatti, mala iddatteessuu kaayyeffataatti dhimma bahameera. Maddi ragaalee qorannichaa immoo madda ragaa tokkoffaati. Kunis ragaalee barbachisoo asoosamicha gadfageenyaan dubbisuun adda baasuufi xiinxaluurratti kan xiyyeeffateedha. Meeshaaleen funaansa ragaalee qorannicha keessaatti dhimma itti bahame mala xiinxala barruuti. Odeeffannoowwan funaanaman kunneenis qajeeltoo yaaxxina markisizimii yookaan kaayyowwan qorannichaa bu’uura godhachuun xiinxalli bal’aan taasifameera. Xiinxala kanaanis Olaantummaa caasaalee siyaasaan dhibbaan uummaataa irraa gahaa ture, garee hawaasaa dinagdeen adda bahan,dhimmoota hawaasummaa,yoomeessaa asoosamichaa jalatti caccabuun xiinmala akkamtaatti fayyadamuun qaacceffamaniiru.xiinxala adeemsifame kanaanis, argannoowwan: Olaantummaa caasaalee siyaasaan dhibbaan dinagdee uummaata irraa gahaa kan ture ta’uu,kunis saamicha lafa Oromoorratti raawwatamaa ture,uummanni qabeenyaa isaa qofa osoo hin taanee eenyummaafi seenaan isaa saamama akka ture kan agarsiiseedha.Namfakkiilee gareewwaan hawaasaa dinagdeen bakka bu’aan faayidaa dinagdeen garee hawaasaa tokkoof qabu, miidhaa dinagdee dhabuun garee hawaasaa tokkorratti qabu, dhimmoonni hawaasummaa uummata Oromoo amantaa, afaan, aadaafi barnoota, akkamitti cunqursaa irraa ture kan agarsiiseefi yoomeessi asoosamicha waa’ee qoodinsaa qabeenyaa yeroo sanan aangoo siyaasaa dawoo godhatanii namoonni dhuunfaan qabeenya uummata saamaa akka turan kan ifatti baaseedha. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Ambo university en_US
dc.subject Xiinxala Asoosama en_US
dc.subject Ce’aa Jireenyaa en_US
dc.title Xiinxala Asoosama Ce’aa Jireenyaa: Ija Yaaxxina Maarkisizimiin en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account