WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Asoosama Suuraa Abdii: Yaaxina Bifiyyeen

Show simple item record

dc.contributor.author Haannaa, Dhaabaa
dc.date.accessioned 2025-10-09T07:04:35Z
dc.date.available 2025-10-09T07:04:35Z
dc.date.issued 2025-10
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/4730
dc.description.abstract Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa Xiinxala asoosama Suuraa Abdii ija yaaxina bifiyyeetiin kan jedhu yoo ta‟u, kaayyolee gooreen immoo asoosamicha keessatti ijaarsa caacculee keessaa jaargochi asoosamichaa ergaa asoosamichaa akkamitti akka utube, ak- barruufi malleen dubbii asoosamicha kanaa sakatta‟uun qaaccessuudha. Saxaxni qorannoo kanaa qorannoo akkamtaa yoo ta‟u, tooftaa iddatteessuu akkaayyootiin filatameera. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaadha.Kunis kitaaba asoosama „Suuraa Abdii‟ bara 1993 maxxanfamedha. Meeshaaleen funaansa ragaa xiinxala barruuti. Kunis, asoosama kana gadi fageenyaan dubbisuun qaaccessi gaggeeffameera. Argannoon qorannoo kanaas, ruqoolee asoosamichaa keessaa jaargochi saaxila irraa eegalee hanga furmaataatti sadarkaaleen jaargochaa jiran walitti hidhatiinsa qabaachuun ergaa asoosamichaa utubuun isaanii adda ba‟ee jira. Ak-barruu ilaalchisee dhimmoonni xiyyeeffannoo argatan kan akka malleen barruu, filannoo jechootaa, ijaarsa himaa fi keeyyatadha. Barreessaan asoosama kanaas malleen barruukanneen akka: Addeessuu, duubdeebii, Hima egereefi waliin dubbii akkaataa barbaachisummaa isaaniin kan itti gargaaramedha .Filannoon jechootaa asoosama kana keessatti dhimma itti ba‟aman irra caalaan isaanii mijatoo fi humna kan qaban yoo ta‟u, muraasni isaanii ammoo dogoggora qubee akka qaban nimul‟atu. Haalli ijaarsa himaafi keeyyataa kalaqa kanaa hawwataafi mijataa ta‟uun isaa miidhagina asoosama kanaaf gahee taphachuun isaanii qorannoo kanaan adda ba‟eera. Kana malees, malleen dubbii keessaa akkasaa, iddeessa, habalaka, nameessa, arbeessuu, mit-eyyee, atee.tuqseefi walqabsiisatti fayyadamuun adda ba‟eera. Kanaafuu, asoosamichi malleen dubbii sammuu dubbistootaa ofitti hawwataniifi dhimma dabarfachuuf barbaadame waliin haalaan walsimatanii ijaaramuun isaanii ergaa barreessichaa galmaan ga‟uu keessatti ga‟ee guddaa taphataniiru. Dabalataan, malleen dubbii asoosamicha keessatti dhimma itti ba‟aman dubbisaan fedhii dubbisuu horatee hamma dhumaatti gochaalee kana faana bu‟ee akka ergaa asoosamichaa hubatu taasisaniiru. Dhumarrattis, asoosamni Suuraa Abdii dhugumatti kennaa kalaqaa addaa ta‟ee yaadaafi qalbii namaa kan hatu, bifa bashannansiisaa ta‟een ergaa cimaa kan dabarsu waan ta‟eef ogbarruu Afaan Oromoo keessatti ga‟ee leencaa qabaata.Kanaaf hojiiwwan kalaqaa akkanaa kun jajjabeeffamu qabu yaada jedhu kennuun kallattiin qorannoo kaa‟ameera.Haaluma kanaan:asoosamni kun yaaxina qeeqa ogbarruu bifiyyeen alattis xiinxalli osoo irratti gaggeeffamee ergaa siyaasa,diinagdeefi hawwaasummaa irratti qabu caalatt hubatama;kaayyoon gooree qorannoo kanaa caacculee asoosamaa keessaa haala ijaarsa jaargochaa irratti kan xiyyeeffate waan ta‟eef caacculee hafan irrattis xiinxalli osoo gaggeeffamee bu‟aa qabeessa kan jedhuufihaalli itti fayyadama afaaniis malleen dubbiitiin alatti kanneen akka mammaaksaafi jechamootaa osoo ilaalamanii yaadni jedhu kaa‟amaniiru en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Ambo university en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Asoosama en_US
dc.title Xiinxala Asoosama Suuraa Abdii: Yaaxina Bifiyyeen en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account