| dc.description.abstract |
Qorannoo mata dureen isaa “Qaaccessa Faaruu Qunnii Buqqifannaa Oromoo: Kutaa
Magaalaa Sulultaa Aanaa Abbaa Gadaa Irratti Kan Xiyyeeffate,” jedhu kana gaggeessuudhaaf
waanti qorattuu kana kakaase afoolli afaaniin dhaloota irraa gara dhalootaatti waan darbuuf
sababa ammaayyummaafi guddina saayinsiifi teekinoloojiin walqabatee jijjiiramuufi dagatamuu
waan danda‟uuf qorannoo irratti geggeessuun dhaloota dhufuuf bifa barreeffamaan
olkaa‟uudha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas faaaruu qunnii buqqifannaa shamarran
Oromoo qaaccessuudha. Saxaxni qorannoo kanaas saxaxa ibsaa yommuu ta‟u, malli
qorannichaa immoo mala qorannoo akkamtaadha. Maddi ragaa qorannoo kana geggeessuuf
dhimma itti bahame madda ragaa tokkoffaa yoota‟u, iddattoon qorannoo kanaa
maanguddootaafi shamarran Oromoo kutaa magaalaa Sulultaa aanaa Abbaa Gadaa keessa
jiraatanidha.Malli iddatteessuu qorannoo kanaa immoo miti-carraa keessaa mala akkayyoofi
darbaa dabarsaati.Malleen funaansa ragaalee afgaaffiifi marii gareeti. Bu‟aan qorannoo
kanaan bira ga‟aman: ga‟ee faaruun qunnii buqqifannaa hawaasummaa cimsuu keessatti qabu
walgorfachuu, waljajjabeefachuu, yarummaa yookiin doqnummaa balaaleffachuu; wantoota
safuu cabsan, aad-malee ta„an, kan jiruufi jireenya dhala namaatiif danqaa ta„anirraa
waldeeffachuu, hawwii, eebba, ulfina yookiin kabaja, kabaja ofii eeggachuun jiraachuu,
gootummaa, komachuu, jaalala, yeroo isaanitti fayyadamuu, ofitti boonuu, waliif yaaduufi warra
namni jalaa du‟e jajjabeessuu ibsuuf dhimmaa kan itti ba‟ani ta‟uu adda ba‟eera. Ga‟ee faaruun
qunnii buqqifannaa gama dinagdee jajjabeessuutiin qabu jabaatanii hojjachuun badhaafamuu,
qabeenyaan guddachuu/gahoomuu, namoota biraa deeggaruu, qabeenyi madda gammachuufi
kabajaatti ilaalamuu ta‟uufi ga‟ee faaruun qunnii buqqifannaa gama siyaasa keessatti
himaachuun qabu keessaa afwalaloo fayyadamuun qaama isa miidhe qeequun akka jiru,
gabrummaa ofirraa faccisuu, tokkummaa qabaachuu akka qaban, quuqqaa garaa isaanii ittiin
baafachuu akka danda‟an bira ga‟ameera. kanaaf, faaruun qunnii buqqifannaa shamarran
Oromoo kun dhalootaa dhalootatti akka darbuuf namni hundi dirqama irraa eegamu bahuutu
irraa eegama. |
en_US |