Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa mammaaksa Oromoo jaalalaa mul’isan ija yaaxxina akkaatummaan Godina Shawaa Lixaa aanaa Iluu Galaan xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uufis malli qorannoo dhimma itti ba’ame, mala qorannoo qulqulleeffataati. Malli iddatteessuu qorataan kun itti fayyadame mala iddatteessuu kaayyeffataa yoo ta’u, namoota dhimmicharratti muuxannoofi beekkumsa gahaa qabu jedhamee abdatamuu irraa ragaan funaanname. Meeshaaleen funaansa ragaa dhimma itti bahame immoo, afgaaffiifi mariidha. Adeemsa qorannoo kana keessatti argannoowwan bira ga’amanis, mammaaksi jaalalaa ergaa cimaafi gadi fageenya qabu kan dabarsu aadaafi seenaa uummataa kan barsiisu, yaada, fedhii, komee, tuffii keessa namaa jiru kan ittiin to’achuuf gargaaru akka ta’e, Bakka jaarsummaatti waldhabbii jiru tokko hiikuuf mammaaksi dubbii jalqabuufis ta’ee, dubbii xumuruuf bakka guddaa qaba. Bakka kanattis, mammaaksa jaalalaan dubbiifi ergaa cimaa ta’e dabarsuun waldhabbii sana akka waliif dhiisan taasisuu keessatti gaheen mammaaksa jaalalaa guddaa ta’uusaa, itti fayyadama mammaaksaa jalalaa ilaalchisee dubartoota caalaa dhiirotatu itti fayyadamaa jira. Sababnisaas, dubbii tokko hiikuuf yeroo baay’ee bakka jaarsummaatti kan hirmaatan manguddotadha. Bakka kanattis manguddoonni mammaaksa jaalalaatti dhimma bahu. Ilaalchuma kanarratti hundaa’uun manguddoota yookiin dhirotaan alatti mammaakamuu kan hindandeenye dubartootatti fakkaata. Sababa kanaaf, dubartoonni ilaalcha kana irratti hundaa’uun itti fayyadama mammaaksa jaalalaa irratti hirmaannaa xiqqaa ta’uusaa, namoonni ergaa mammaaksa tokkoo haala walfakkaatuun hinhubatan. Sababnisaas dubbii (haasa’a) keessa jiran sanaan walqabsiisuu dhiisuu, aadaa uummatichaa wallaaluufi mammaaksi ergaa lamaa ol qabaachuu akka danda’u qorannoo kanaan bira ga’ameera. Mammaaksi jaalala ibsu kanneen akka jaalala biyyaa, haadhaa, jaalala obbolaawwanii, jaalala hiriyaa akka ta’an qorannoo kanaan bira ga’ameera. Ergaa mammaaksi jaalalaa mul’isu icciitii walitti dhufeenyaa, kan biyyummaafi firummaa akka ta’e qorannoo kanaan bira ga’ameera. Mammaaksi jaalala mul’isan yeroo hawwii, gaddaa, gammachuu, jaalachuu, jibbuu, qeequufi kan kana fakkaatan keessatti akka dhimma itti bahamu qorannoo kanaan bira ga’ameera