| dc.description.abstract |
Kaayyoon guddaa qorannoo kanaa Ergaa weedduu jaalalaa xiinxaluudha. Ka‟umsa qorannoo
gurguddoon: qorattuun weedduu kana ijoollummaarraa kaastee dhaggeeffataa waan guddatteef
jaalalli weedduu jaalalaatiif qabdu guddaa ta‟uufi weedduun jaalalaa kun osoo qoratamee
caalaatti bu‟aa hawaasa Oromoo hundaa ta‟uun amanamuudha. Malli qorannoo kana gaggeessuu
keessatti dhimma itti bahame mala qorannoo akkamtaati. Jamaan qorannoo kanaa dargaggoota,
shamarraniifi maanguddoota hawaasa Oromoo tulamaa Godina Shawaa kaabaa Aanaa Giraar
Jaarsoofi ogeessota Aadaafi Tuurizimii Aanichaa yoo ta'u, maddi ragaa qorannoo kanaas, madda
ragaa 1ffaafi 2ffaadha. Maddi ragaa tokkoffaa shamarran, maanguddoota, dargaggootaafi
ogeessota Waajjira Aadaafi Turizimii Aaniichaa yoo ta‟u, maddi ragaa lammaffaa immoo
barruuwwan mata duree kanaan walqabatan sakata'uun kan funaannamaniidha. Iddattoon
qorannoo kana gaggeessuu keessatti dhimma itti bahame immoo kaayyeeffataafi darbaa dabarsa.
Meeshaaleen funaansa ragaa hojiirra oolan afgaaffiifi marii garee yoo ta‟an, ragaaleen guuraman
marti jechaan ibsuufi addeessuun xiinxalamaniiru. Argannoowwan qorannoo kanaan bira
gahamanis: weedduun jaalalaa ergaawwan garaa garaa kanneen akka hawwii, yaaddoo, fedhii,
gorsa, beellamaafi kanneen kana fakkaatan of keessaa qabaachuun isaanii bira gahameera.
Haata‟u malee, weedduun jaalalaa kun sababoota adda addaan badaafi qabiyyeen isaa
jijjiirramaa, dagatamaa jira. Kanaaf, afoola kana badiirraa oolchuuf dhaloonni yeroo ammaafi
qaamni dhimmi isaa ilaalu hundinuu keessattuu Waajjirri Aadaafi Tuurizmii Aanaa Girar
Jaarsoo, Waajjirri Aadaafi Tuurizimii Godina Shawaa Kaabaa, akkasumas, Biiroon Aadaafi
Tuurizimii Oromiyaa qorannoo irratti gaggeeggeessuun, ergaawwan weedduu jaalalaa kana haala
aadaa hawaasichaa qabatee jiruun akka itti fufu gochuu kessatti kan duraa caalaa ciminaan
hojjechuun barbaachisaa ta‟a. |
en_US |