dc.description.abstract |
Qorannoon kun xiinxala qabiyyee himinsa nama boqoteef sirna awwaalchaa irratti dhiyaatukan godina shawaa lixaa aanaa Ilfataa irratti xiyyeeffate. Sirni beekamaan kun bifa saayinsawaan qoratamuu dhabuun xiyyeeffannoo gaarii dhabuusaa ka’umsa qorannoo kanaa keessatti isa jalqabaati. Qorannichis qaawwa toora kanaan jiru guutuuf kan gaggeeffame yemmuu tahu, yaadiddama Caasawaafi faayidaatti dhimma bahameera. Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaatti gargaaramuun kan adeemsifame yoo ta’u, malli iddatteessuu dhimmi itti ba’ame immoo mala iddattoo akkayyootiin tahee malli darbaadabarsaa kan fayyadamedha. Maddi ragaa qorannoo kanaas,madda ragaa tokkoffaati. Maddi ragaa tokkoffa kunneenis, namoota kutaa hawaasaa keessaa iddattoof filataman tahee, beekumsa isaan dhimma kanarratti qaban qaaman biratti argamuun tooftaalee funaansa ragaa keessaa afgaaffii, mariigareefi daawwannaa fayyadamuun qorannoon kun gaggeeffamee jira. Bu’uuruma kanaan qorannoo kanaan firiiwwaan adda addaa argaman keessaa,Qabiyyeen himinsa sirna geggeessaa nama boqotee kun kanneen akka gootummaa, arjummaa, haala diinagdee fi haala gosa namtichi keessaa dhalatee sana kaasuun kan himan ta’uu bira gahameera. Akkasumas,himinsa keessatti miini fardaa kanneen akka fuuloo, luugama, harkiftuu, maataba, qomoo, kooraa, faanaa, gilaasha, baladii, uddeellaafi garajaleefaa yommuu ta’an meeshaaleen abbaan fardaa uffachuu himinsa miidhagsuuf itti fayyadamuu fi qabatee ittiin himu immoo,zinnaara ykn baattuu rasaasaa, shilootii, kallee, daabee jaldeessaa, gaachana, alangaa, eeboo, qawweefi alaabaa faa’adha.Kanaaf,xiinxala gaggeeffame irratti hundaahuun qabiyyee himinsa nama boqoteef sirna awwaalchaa irratti dhiyaatu kan godina shawaa lixaa aanaa Ilfataa irratti xiyyeeffatu kun adeemsa bal’aa keessa kan darbuufi ergaa adda addaa kan qabu tahuun adda bahee jira. Argannoo qorannichaa irraa kahuun qabiyyeewwan himinsa nama boqoteef sirna awwaalchaa irratti qorannoon bal’aan otoo gaggeeffamee bu’uura wayii tahuu danda’a Kan jedhu qorannichi kallattii niakeeka |
en_US |