Abstract:
Kaayyoon qorannoo kana asoosama dheeraa siidaa yaadannoo ija yaaxina dubartummaan
xiinxaluu dha, Ka‟umsi qorannichaa immoo qorattuun armaan duraa asoosamota dubbiste
keessaa asoosamni kun xiinxalamuu qaba jette waan amanteef. Sababni yaaxina kanaan
xiinxaluuf qorattuu kakaasee immo sochii yaaxina dubartummaaf taasifamu keessatti
gumaacha ofii bahuuf. Gosti qorannoo kanaas gosa qorannoo akkamtaa yoo ta‟u, malli
dhimma itti bahames mala odeeffannoo kitaabarraa argame jechaan qaacceessuun bifa
addeessuutiin kan kahameedha. Maddi ragaa qorattuun dhimma itti baate madda ragaa
tokkoffaa dha. Argannoon qorannoo kanaas Dubartoonni jireenya hawaasummaa irratti
ciccimoo ta‟uu, siyaasa keessatti dubartonni dhiira waliin wal bira qabamanii yoo
ilaalaman ga‟ee laafaa kan bahan ta‟u. Hallii gama dinagdeen dubartoonni itti bocaman
gadaanaa ta‟u. Kunis dubartoonni dinagdee mataa isaanii qabu osoo hin taanee, akka
diinagdee warroota dhiiraa irratti rarra‟anii jiranitti kan bocaman ta‟u.Ga‟ee gama
xiinsammuutinis haalli dubartonni gama xiinsammuun itti bocaman karaalee lamaan kan
ibsaman yoo ta‟uu, isaaniis:dubartoota xiinsammuu cimaa qabanifi xiinsammuu dadhabaa
qaban jechuun xiinxalamni jiru. Haa ta‟uu malee asoosama kana keessatti dubartoonni
ga‟ee taphatan harki caaluu kan xiinsammuu dadhabaa qaban, kanneen murtee mataa ofii
hin qabne, sodattuu, rakkattuu, hamtuu. Kan shira xaxan kan kaayyoo hin qabne ta‟ani
bocamuun isaanii bira gahamera. Dhimmoonni walqixxummaa kornaayaa irra caalaan
olaantummaa dhiirotaatiin kan agarsiifame yoo ta‟u, sababa garaagarummaa
kornaayaatiin miidhaan dubartootarra akka ga‟e bira gahameera. Yaboon qorannoo
kanaas, Ga‟een namfakkiileen dubartootaa gama siyaasaafi hawaasumaan qaban
keessattuu gama siyaasaan qaban laafaa waan ta‟eef osoo ilaalame.Laafaa kan jechisiisees
dubartoonni yemmuu dhiirri hidhamu dhaqxee gaafachuu malee adda durumaan kan hin
hirmaanne ta‟uu isaaniti. Gama dinagdeenis akka dinagdee mataa isaanii sochoosuu
danda‟aniti
osoo
bocamani. dubartoonni ,kanneen murtee mataa ofii hin
qabne,sodattuu,rakkattuu, hamtuu, kadhattuu kan waan kennaniif hunda fudhachuu malee
mormachuu hin dandeenye,kan qabeenya ofii hin qabne,kan qabdullee kabachiifachuu hin
dandeenye. Kan shira xaxan kan kaayyoo hin qabne ta‟ani bocamani jiru kunis osoo keessa
deebi‟ame ilaalame,