Abstract:
Qorannoon kun mata duree, “Xiinxala Mammaaksota Oromoo amala badaa mul’isan: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandii irratti xiyyeeffate” irratti geggeeffame. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, mammaaksota Oromoo amala badaa mul’isan, xiinxaluun ibsuudha. Qorataan kun mala qorannoo akkamtaatiin fayyadamuun qorannoo kana geggeesse. Maddi ragaa qorannichaas, madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaadha. Maddi ragaa 1ffaan qorannoo kanaa manguddoota Oromoo waa’ee mammaaksaa sirritti beekanidha. Maddi ragaa 2ffaa qorannoo kanaa immoo, ragaalee qaama biraan bifa barreeffamaan walitti qabamee osoo hinqaacceffamiin jiran irraa ragaan qorannichaaf barbaachisu kan walitti qabamanidha. Iddattoon qorannoo kanaas maanguddootafi hojjettoota Waajira Aadaafi Tuurizimii keessaa filatamaniiru. Malli iddateessuu qorannoo kana keessatti dhimma itti bahame mala iddatteessuu mitcarraa keessaa mala akkaayyoofi darbaa dabarsaati. Meeshaalee ragaan qorannoo ittiin funaaname immoo afgaaffii, marii garee xiyyeeffannoofi sakatta’a dookimentiiti. Ragaalee qorannoo kanaas mala ibsaa fayyadamuun xiinxalameera. Argannoowwan qorannoo kanaan adda ba’anis faayidaan mammaaksota Oromoo amala badaa mul’isanii: haasaa gabaabsuuf, xiyyeeffannoo kennuuf, yaada dhiyaate hubachiisuuf, gorsuufi barsiisuuf, qeequuf, miliquuf, hawaasummaa jajjabeessuuf fa’a akka qabu bira gahameera. akkasumas, galumsi mammaaksota Oromoo amala badaa mul’isanii: yeroo namoota wallolan araarsan, yeroo namni amala badaa mul’isu, yeroo namoonni akka tokkummaan barbaadamu, yeroo namoonni dhibaa’ummaa agarsiisan akka ta’e bira gahameera. Kana malees, ergaa mammaaksonni Oromoo amala badaa mul’isanii: nama waa hinqusanne gorsuu, nama amala badaa gorsuu, jibbaafi qoodiinsa, firaaf xiyyeeffannoo kennuu dhabuu, waan hamaa gochuu,hojii hiikuu mul’isuu, fakkeessanii jiraachuu, yeroo ofiitti seeraan fayyadamuu dhabuu, lugnummaa, icciitii eeguu dhabuu, ofitummaa, oolmaa dagachuu, gowwummaa mul’isuu fa’a ta’uu, Mammaaksi kun faayidaa guddaa waan qabuuf Waajirri Aadaafi Tuurizimii mammaaksota kanneen akka isaan dagatamanii hinbanneef bal’inaan qoratanii walitti qabanii utuu kaa’anii gaariidha