Abstract:
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa eebba gaa’ila kaadhimmanna Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandii qaaccessudha. Mata duree kanarratti qorannoo akka gaggeessuuf kan qoraticha kakaase eebbi gaa`ilaa hawaasaaf faayidaa guddaa osoo qabuu yeroo ammaa kana hubannaan dhaloonni eebba gaa`ilaa irratti qaban laafaadha. Kanaaf, ragaalee argaman bifa barreeffamaan olkaa’amanii namoonni hedduun nidubbisuun hubannoo argachuu akka danda`an gochuudha. Saxaxni qorarannichaa saxaxa qorannoo sanyabsaati. Qorannoo kana keessatti malli qorannoon ittiin gaggeeffame mala qorannoo akkamtaati. Malli iddattoo qorannichaa mala iddattoo miti carraa ta’ee, tooftaa iddaatteessuu kaayyeeffataati. Maddi ragaalee madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaadha. Maddi ragaa tokkooffaan maanguddoota ragaalee irraa walitti qabamaniifi daawwannaa taasifame yoo ta’u maddi ragaa lammaffaan immoo barruuwwan barreeffamaan mana kitaabaa jiraniidha. Malleen funaansa ragaa qorannichaa afgaaffii, marii garee, daawwaannaafi sakatta`a arshammeeti. Ragaalee maddoota ragaa irraa argaman hiikuufi ibsuun qaaccessi ragaalee taasifamanii jiru. Argannoowwan qorannoo kanaan bira ga’amanis: faayidaan eebba gaa’ilaa qabu jaalala jabeessuu, gorsa kennuu, cimsuu, milkii tolchuu, hormaata qajeelchuu, hawwii agarsiisuufi balaa itti dhufuu malurraa oolchuuf ta’uun hubatameera. Akkasumas, eebbi gaa’ilaa yoomessa keessatti dhiyaatu kan qabu yoo ta`u isaanis: guyyaa mana seennaa, yeroo misirroon bahu, warra mucayyootti, yeroo misirroonni dhufan, maqaa baasuufi guyyaa miinjee deebii(millaashii) kan eebbifaman ta`uun adda bahamaniiru. Dabalataanis, eebbi gaa’ilaa ergaa gama hawaasummaa, diinagdee, siyaasaa, uumaafi uumama galateeffachuu irratti kan xiyyeeffatu ta’uun hubatameera. Haa ta`u malee fakkoommii meeshaalee sirna eebba gaa`ilaa kadhimmannaa irratti dhiyaatanii ilaalchisee qorataan qorannoo isaan osoo bira hin gahin hafe. Kanaaf, gara fuulduratti qorattoonni fakkoommii meeshaalee eebba irratti dhiyaatan irratti xiyyeeffachuun osoo qorannoo gaggeessaniidha