WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Fakkoommii Meeshaalee Aadaa Sirna Ekerdubbiftuu Keessatti: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Calliyaa Irratti Kan Xiyyeeffate.

Show simple item record

dc.contributor.author Ittafaa, Dirribsaa
dc.date.accessioned 2025-01-14T07:17:10Z
dc.date.available 2025-01-14T07:17:10Z
dc.date.issued 2017-04
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/4221
dc.description.abstract Axereeraa Qorannoon kun xiinxala fakkoommii meeshaalee aadaa sirna ekerdubbiftuu keessatti Godina Shawaa Lixaa aanaa Calliyaa jedhu irratti kan geggeeffamedha. jalqaba yaadota gooroo fookiloorii erga ibsameen booda, beektota waa’ee kanaa irratti hubannoo qaban irraa yaada isaanii fuudhuun akka qaacceffamu ta’eera. Kanatti aansuun yaadota amantii oromoo deeggaran illee argachuun danda’ameera.Akkasumas maalummaa fakkoommii meeshaalee sirna ekerdubbiftuu dhimma ka’umsa qorannichaa kaayyoo isaa fi barbaachisummaa qorannoo kanaa addeesseera.qorannoon hayyootaa meeshaalee fakkoommiifi meeshaalee fakkoommii ekerdubbiftuu waliin wal qabatan,maalummaa fakkoommii,akaakuu fakkoommii,maalummaa fakkoommii meeshaalee sirna ekerdubbiftuu,gosoota fakkoommii meeshaalee aadaa sirna ekerdubbiftuu gosoota isaanii waliin ilaalameera.ragaawwaan qorannoo kanaa kan qindaa’e,hawaasa keessatti tooftaa iddatteessoo marii garee xiyyeeffataatti fayyadamuun ibsameera. Odeefkennitoota hubannoo gahaa qaban filachuun waa’ee fakkoommii meeshaalee aadaa sirna ekerdubbiftuu afgaaffiitti fayyadamuun dhimma itti bahameera. qorannoon kun fakkoommii meeshaalee sirnnichaaf barbaachisan mara tajaajila isaan qabaniifi meeshaaleen kun tokkoon tokkoon isaanii maalitti akka fakkoomfaman adda baafamanii kaa’amaniiru.sirna hawaasa keessatti qaban sirna laguu isaan qaban illee adda baasuun kaa’ameera. Dhuma irratti argannoon fakkoommii meeshaalee aadaa sirna ekerdubbiftuu kun hawaasa keessatti tajaajila hedduu waan kennuuf sirna hariiroo hawaasaa keessatti beekamtiin kennameefi tajaajila si’ataafi hunda galeessa akka ta’uufi xiyyeeffannoon itti kennamee kunuunsi addaa akka qodhamuuf kan jedhu bira ga’ameera.haaluma kanaan qorannoo kana boqonnaa shanitti qooduun,matadureewwaan gurguddoo,kananneen akka ka’umsa qorannichaa,kaayyoo qorannichaa, barbaachisummaa qorannichaa, daangaa qorannichaa hanqina qorannichaa ibsa naannoo qorannichaa mala qorannichaa, xiinxala qorannichaa, cuunfaaqorannichaa, argannoofiyaboo qorannichaan wal qabachiisuudhaan qopheessuu danda’ameera. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Xiinxala Fakkoommii en_US
dc.subject Meeshaalee Aadaa Sirna en_US
dc.title Xiinxala Fakkoommii Meeshaalee Aadaa Sirna Ekerdubbiftuu Keessatti: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Calliyaa Irratti Kan Xiyyeeffate. en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account