dc.description.abstract |
Qorannoo kana gaggeessuudhaaf waanti qorataa kana kakaase qorataan amma dubbisee ilaaletti mataduree xiinxala ergaa afwalalooweedduu missirroo qallootoo yaleensaa irratti qorannoon kallattiin geggeeffame bira hingeenyeta’uu isaati. Kaayyoon qorannoo kanaas ergaawwan weedduu missirroo qallootoo yaleensaan gama hawaasummaan, dinagdeeniifi haala dhihaannaa galumsoota adda addaa keessatti qabu xiinxaluudha. Saxaxni qorannoo kanaas mala qorannoo akkamtaadhaan kan hojiirra ooledha. Maddi ragaa dhimma itti bahame madda ragaa tokkoffaa yoota’u, mala iddeetteessuu miti-carraa keessaa mala akkayyoofi darbaa dabarsiitti dhimma ba’ameera. Malleen funaansa ragaalee afgaaffii, marii gareefi daawwannaatti gargaaramuun namoota umuriin isaanii tureefi shamarran irraa ragaan funaannamee xiinxalameera. Adeemsa kana hordoofuun argannoowwan bira ga’aman: ergaan weedduu missirroo qallootoo yaaleessaan gama hawaasummaan qabu wal jajjabeessuu, walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuu, wal bashaannansiisuu, jaalala walii qabaachuu, walkabajuu, walitti dhufeenya/hariiroo namoota waliin qabaachuu, gargar ba’uu yookiin addaan ba’uu, keessummaa simachuu, maraarsiifannaa, komee, ofitti amantummaa, eenyummaa ofiitti amanuu, garaa jabaachuu, tuffiidha. Ergaan gama dinagdeen qabu immoo namni tokko cimee akka hojjachuu danda’u, diinagdeen akka ofdanda’uu qabu, erga mana dhaabbatanii booda dhibaa’ummaan akka hinjiraanne ta’uun isaafi haalli raawwii weedduu missirroo qallootoo yaleensaan galumsoota adda adda keessatti mul’atan dibaabee qabachuun weeddisuu, harka walitti rukutuun, shubbisa shubbisuun gammachuu isaanii agarsiisuu, haadha missirrittii boochisuu, intala heerumtu sana garaa raasuu, intalittiin heerumuu isheetiif gammachuu qaban ibsuu, hiriyoota ishee irraa gargar ba’uun miirri gaddaafi aarii jiraachuudha. Walumaagalatti qorannoon kun afoola uummata Oromoo jiran keessaa weedduu missirroo qallootoo yaleensaa yeroo fuudhaafi heerumaa weeddifamu xiinxaluun ergaa gama hawaasummaa, diinagdeefi haali dhiyaanaa galumsoota adda addaa keessatti qabu waan namoonni hundi dirqama irraa eegamu bahuun weedduu missirroo qallootoo yaleensaa yeroo fuudhaafi heerumaa weeddifamu kun akka turu taasisuun dhaloota boruuf bu’uura ta’uu daanda’a waan ta’eef osoo irratti hojjatamee gaariidha. |
en_US |