dc.description.abstract |
Kaayyoon qorannoo kanaa „Itti Fayyadama Afaanii Sirboota Iskiindir Taammiruu‟
qaacceessuudha. Malleen qorannoo qorataan dhimma itti bahe mala akkamtaati. Sababa mala
akkamtaa gargaarameefis, qaaccessa keessatti jechaan ibsi itti kenname waan ta‟eefidha. Maddi
ragaalee qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaadha. Maddi ragaa tokkoffaa qorannoo kanaa
sirbootuma Iskiindir Taammiruu bara 2015 keessa gabaarra oolanidha. sirboota kana gara
walaloo barreeffamaatti jijjiree akka kuusaa (document) tiitti dhimma bahe. Qorataan sirboota
jiran keessaa tooftaa iddatteessuu miti carraa filatee, mala kaayyeffataatti gargaaramuun sirboota
Iskiindir sadiirratti hojjete. Meeshaaleen funaansa ragaalee qorannoo kanaa laaptooppii
(laptop)dha. Argannoon qorannoo kanaa itti fayyadama afaanii sirboota keessatti argaman
filannoo jechootaa, fayyadama malleen dubbiifi gaalchoo kan haammateedha. Haala kanaan
bu‟aan qaaccessa qorannoo kanaa akka mul‟isutti filannoo jechootaa sirboota Iskiindir
Taammiruu, gosoonni dubbii qolaafi gaalchoon fayyadama afaanii sirboota Iskiindir keessatti
argaman ibsamaniiru. Argannoon argame akka ibsutti fayyadamni afaanii sirboota Iskiindir
Taammiruu kaayyoo ifaa galmaan gahuuf haalli fayyadama filannoo jechootaa murteessaa ta‟uufi
itti fayyadamni dubbii qolaafi gaalchoon Iskiindir itti dhimma bahe ergaa cimaa kan qabu ta‟uun
isaa hubatameera. Kun immoo dhimma filannoo jechootaa, fayyadama malleen dubbii,
ciigoowwaan, jechama, fayyadama gaalchoo, kan ofkeessaatti haammatu ta‟uufi ergaa fayyadama
afaanii adda addaa, akkasumas, gaalchoon Iskiindir sirboota isaa keessatti fayyadame bu‟aa
qabaachuu kan ibsudha |
en_US |