dc.description.abstract |
Qorannoon kun mata-duree “Xiinxala Adeemsa Sirna Gaa‟elaa Naqataa Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Daawoo” jedhurratti geggeeffame. Kaayyoon qorannoo kanaa aadaa gaa‟elaa naqataa Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Daawoo xiinxaluu ta‟e, kaayyoo kana galmaan gahuuf qorataan mala qorannoo akkamtaa dhimma bahee jira. Qorannoo kanaaf odeeffannoon madda ragaa tokkooffaafi madda ragaa lammaffaa yemmuu ta‟u, maddi ragaa tokkoffaa manguddoota dhimmoota gaa‟ela aadaa irratti hubannoofi muuxannoo qaban mala iddatteessuu miti-carraa keessaa mala iddatteessuu darbaa dabarsaatiin filatamaniiru. Maddi ragaa lammaffaammoo barreeffamoota sirna gaa‟elaatiin walqabatanii barreeffamaniifi qorannoowwan walfakii dhimma kana irratti barreeffaman ta‟u. Odeeffannoo qorannichaaf barbaachisan meeshaalee funaansa ragaalee keessaa afgaaffii, marii garee, daawwannaafi sakatta‟a dookimentiitiin walitti qabuun danda‟ameera. Ragaaleen odeefkennitoota irraa walitti qabaman mala ibsaatiin yookiin akkamtaan jechaan ibsamuun qaacceffamaniiru. Qaaccessa kana irraa sirni gaa‟elaa naqataa adeemsa sirna guyyaa cidhaatiin duraa:biqila laallannaafi ulee hirkifachuun guyyaa cidhaan dura raawwatamu. Guyyaa cidhaa immoo, fuudha dhaquu,mana seenuu,maaddii cabsachuu, fuudhanii galuu guyyaa cidhaa raawwatamu. Guyyaa cidhaatiin boodaa irra deebiifi hubii walduraa duubaan raawwatamuunsaa bira ga‟ameera. Haalota kana keessatti fakkoommiiwwan garaa garaa hawaasicha biratti akka gaariifi akka hoodaatti ilaalaman, faayidaafi miidhaa gama hawaas-diinagdeetiin sirnichi qabuufi sababoota:amantaafi ammayyummaan walqabatee itti fufiinsiifi jijjiiramni sirnicha keessa jiraachuun hubatamee jira.Sirni gaa‟ela naqataa faayidaalee hariiroo hawaasummaa cimsuufi guddina dinagdee ol aanaa qabaachuun bira ga‟ameera. Dhuma irrattis argannoo kana irratti hundaa‟uun yaadni furmaataa kennameera. Isaanis: Abootiin amantaa, hawaasni, abbootiin gadaa kunuunsa duudhaa hawaasaaf osoo uummata gorsanii. Akkasumas manneen barnootaa gumii mana barumsaa keessatti dhaabbamee jiru cimsuufi itti dhimma bahuun faayidaa sirni kun gama hawaas-diinagdeetiin qabu bal‟inaan xiinxaluun hojiin hawaasa keessatti hubannoo uumuufi barreeffamaanis olkaa‟uu, itti fufaatii jiru jajjabeessun gaarii ta‟a. |
en_US |