WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Faayidaalee Mirriga Oromoo Ituu: Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum

Show simple item record

dc.contributor.author Diittaa, Huseen
dc.date.accessioned 2024-11-28T12:19:39Z
dc.date.available 2024-11-28T12:19:39Z
dc.date.issued 2024-03
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/4151
dc.description.abstract Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa faayidaalee mirrigaa xiinxaluudha. Kaayyoowwan gooree ammoo wantoota mirrigni dhaloota barsiisu addaa baasuu, akkaataa mirrigni dhaloota itti too’atu ibsuu, gahee mirrigni booharsuurratti qabu ibsuufi akkamiin mirrigatti dhimma bahuun miliquun akka danda’amu agarsiisuudha. Maddi ragaalee qorannoo kanaa madda ragaa sadarkaa tokkoffaati. Isaanis, maanguddootaafi yoomessa uumamaa irraa walitti qabamni. Maanguddootaafi yoomessa dhugaa ragaaleen qorannoo kanaa irraa walitti qabamani adda baasuuf garuu, malleen iddatteessuu gosa miti carraa keessaa akkayyoofi darbaa dabarsaan hojiirra oolanii jiru. Malleen funaansa ragaalee qorannoo kanaa afgaaffii, marii garee xiyyeeffatamaafi daawwannaadha. Ragaalee funaanaman akkaataa walitti dhufeenyaafi walitti hidhannaa ijoo dubbii isaaniitiin garee gareetti qoqqoodamuun ibsi bal’aan erga itti kennameen booda xiinxalamaniiru. Ragaaleen xiinxalaman akka agarsiisanitti, mirrigni dhaloonni seenaa, tokkummaa, ogummaa jireenyaa, heeraafi aadaa akka baru taasisuu, dhaloonni haadhafi abbaa akka kajabu, safuu hawaasaa akka eegu, yarummaa ilaalcha oftuulummaa akka hubatu, ofdagachuu akka hinqabne, hiyyummaa akka balfu, amala gowwummaa akka sirreessu, walooma akka cimsatu, hammeenya alagaafi gaarumma lammii addan baasee akka hubatu taasisuuf gorsaafi akeekkachiisa kennuudhaan akka too’atu, dhiyaannaa jamaa hirmaachisu qabaachuu, jechoota filatamoofi ergaa xiinxala gadi fagoo barbaadaniin dhiyaachuu, qabiyyeewwan onnachiisoo qabaachuun uummata akka booharsu, bineensotatti, beelladootatti, lafatti, akkasumas kutaa qaama namaatti qabachuun akka miliquuf hawaasa gargaaru adda ba’eera. Kanaafuu, hawaasni Aanaa Odaa Bultum, maanguddoonni aanichaa, Waajjirri Aadaafi Turiziimii Aanaa Odaa Bultum, qopheessitoonni sirna barnootaa, barreessitoonni akkasumas, qorattoonni qorannoo kallattii kannaan hojjatan mirrigni faayidaa danuu kanneen qabaachuu isaa hubatanii dhalootaa dhalootatti daddabarsuun itti fufiinsi isaa akka caalatti cimu osoo taasisanii gaarii ta’a. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Xiinxala Faayidaalee en_US
dc.subject Mirriga Oromoo Ituu en_US
dc.title Xiinxala Faayidaalee Mirriga Oromoo Ituu: Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account