Abstract:
Mata dureen qorannoo kanaa “Qaaccessa Itti Fayyadama Afaanii Jaarsummaa olla wal dhabe:
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersa Lafoo xiyyeeffate” jedhu yoo ta‟u, kaayyoon gooroo isaa
itti fayyadama afaanii jaarsummaa ollaa wal dhabee furuuf fayyadan qaaccessuudha. Ka‟umsi
qorannoo kaanaas, afaan jireenya idilee keessaatti akkamiin dhimma akka itti ba‟amu fi guddina
afaaniitiif shoora inni qabu irratti hubannoon jiru laafaadha. Kana malees itti fayyadama
afaanii dameewwan dirree qorannoo biroo keessatti malee gama aadaa hawaasaatiin
waldhabdee olla irratti hojjatame hanga hubannoo qorattuutti hn argamne. Kaayyoo kana
galmaan gahuufis mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahuun, Malli funaansa raga af-gaaffii,
marii garee fi daawwannaatti dhimma ba‟ame. Ragaaleen funaanaman maleenya qorannoo
ibsaan qaacceffamanii jiru. Qorannoo kanaanis filannoo jechoota fiixa ba‟insa wal
dabdeesana keessatti jechoonni eeyyentaa, waadaa fi ,jechoota gaabbiitti akka dhimma ba‟an
bira ga‟ameera. Iitti dabauudhaan, malleen dubbii akka nameessa akkasa akka dhimma ba‟anii
fi caasaa afaanii gaalee, akkasumas loogaatti dhiimma akka ba‟an akkasumas og afaan keessaa
mammaaksotaa, jechamootaa fi afwalalootti akka dhimma ba‟an bira ga‟ameera. Akkasumas,
akkaataan fayyadamaa fi filannaa jechootaa jaarsummaa keessatti fayyadaman kanneen
funaanuun akkaataa dhalootaa dhalootatti darbuu danda‟utti qindaa‟ee barreeffamaan osoo
taa‟ee, kan jedhu immoo yaada furmaataa qorannoo kanaati.