dc.description.abstract |
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa “Mammaaksota Oromoo Dubartoota Ilaalchisuun
Mammaakaman Ija Yaaxxina Dubartummaatiin Xinxaaluudha”.Qorannoo kana gaggeessuuf
qorattuu kan kakaasee dubartoota ilaalchisanii mammaaksoonni mammaakaman ija
yaaxxina Dubartuummaatiin maal akka fakkaatan bira gahuuf akkasumaas mammaaksa
Oromoo irraatti yaaxinaa dubartummaatiin qorannoon gageeggaafame waan hin jireef
qorattuu kana qorannoo kana akka adeemsiftuuf ishee kakaase. Qorannoon kun mala
qorannoo jiran keessaa mala qorannoo akkamtaatti dhimmaa bahuun saxaxa ibsaatiin
xiinxalameera.Qorannoo kana gaggeessuf mala iddaatteessuu miti carraafi darbaan
dabarsaatti dhimma bahameera.Odeeffaannoo qorannoo kanaaf ishee barbaachisan
meeshalee funaansa ragaa kanneen akka Afgaaffii, marii gareefi sakkatta’a dookimeentitti
dhimma bahameera. Qorannoo ishee kanaanis argannoowwaan kanneen akka dubartiifi
dubartummaan mal akka ta’an akkasumas walqixxuummaan koorniyaa gama siyaasaan,
gama dinagdeefi hawaasumatiin maal akka ta’an bira gahameera. Kana malees
mammaaksoni cimina dubartootaa ibsan kanneen akka dubartiin faayaa manaatii,haadhaafi
lafatu nama baata jedhamn, akkasumaas dadhabina dubartoota ibsan kanneen akka
dubartiifi Harreen kan itti fe’aan batti,dubartiifi alagaattii garaa hin gagarsiisaan jedhuufi
kanaaf kan kana fakkaatan bira gahameera. Mammaaksonni Oromoo irraa caalaan isaanii
gad aantuummaa dubartootaa kan dubbatuudha.Kun immoo ilaalcha hawaasni dur irraa
kaasee qabu waan ta’eef osoo mammaaksota cimina dubartootaa ibsan caalaatti cimsaanii
irratti hojjetamee gaariidha. Sababni isaa dubartiin hojii kamiyyuu dhiiraan walqixaa
hojjaachuu akkasumaas barattees biyya bulchuu waan dandeessuf mammaaksoonni
dadhabinaafi dhiiraa gad ta’uu dubartootaa ibsaan osoo fooyya’anii gaariidha. Qorattoonni
kanaan booda qorannoo gaggeessan osoo mammaaksa Oromoo Dubartoota ibsaan
Yaaxinoota kanneen birootiin adeemsisaanii guddina afaanichaafi ilaalcha namoonni
mammaaksaan dubartoota irratti qaban jijjiiruu kan danda’uudha. Akkasumas
mammaaksota dubartoota ilaalchisaanii mammaakaman kanneen qorannoo kana keessatti
osoo hin tuqaaminifi bira hin gahamin hafe irratti xiyyeeffachuudhaan qorattoonni mata
duree qorannoo kanaan walfakkataan qorachuu barbaadaan osoo gad fageenyaan
xiinxalanii gaariidha. |
en_US |