dc.description.abstract |
Kaayyoon gooroon qorannoo kanaa asoosama Dibaa yaaxxina seenawaan xiinxaluudha. Qorannoo kana gaggeessuuf dhimmootni qorataa kakaasan asoosama garaagaraa irratti yaaxxinoota garaagaraa bu’uureffachuun qorannoon gaggeeffaman baay’inaan hin jiran. Dabalataanis asoosamni Dibaa seenaawwan mootummoota darbaniin uummata Oromoo irratti raawwatan xiyyeeffannoo keessa galchee waan barreeffameef yaaxxina seenawaan xiinxalameera. Akkaataa kanaan yaaxxina seenawaatiin dhimmoota seenaa hawaasaa asoosama Dibaa keessatti barreeffaman addunyaa dhugaakeessatti mul’atanwaliin walitti hidhata waan qabuuf, asoosama filatame keessaa afeewwan kaayyoo gooroo qorannichaa agarsiisasuu danda’aniin xiinxalameera.Malli qorannoo kanaaf qorataan dhimma itti bahe mala qorannoo akkamtaa yoo tahu madda ragaa qorannoo kanaa keessatti dhimma itti bahe madda ragaa tokkoffaati. Maddi ragaa kitaaba asoosama Dibaati. Iddattoon qorannichaas asoosama Dibaa yoo ta’u innis mala iddatteessuu kaayyeffataatti fayyadamuun xiinxaleera. Argannoowwan qorannoo kana keessatti argaman sirnootni mootummoota abbaa irree Oromoo lafa isaa irraa kaasuun hanga afaan, aadaafi eenyummaa isaa mulqaa turuu ibsa.Dabalataan uummatni Oromoo durirraa kaasee uummata jaalala waliif qabu, aadaa, afaan, seenaa boonsaa qabu ta’uun isaa xiinxalameera. Karaa biraatiin dhiibbaa uummata kana irra gahe kallattii afaaniin dubbatamuu dhorkamuu bira darbee aadaafi, amantaa isaatti akka hin fayyadamnesarbamuun qorannoo kanaan bira gahameera.Ilaalchi jibbiinsaa Oromoo irratti godhaman amantaa ofiitti akka hin amanne godhamuu, seenaa isaa gaarii sana jibbamaa gochuu ija gadaantummaan ilaalamaa kan ture tu’uu xiinxala qorannoo kanaan bira gahameera.Dhuma irratti osoo qorattootniafaanii yaaxxina seenawaa fayyadamuun dhimmoota hawaasaa gama qorannoo ogbarruun jiru ifa baasanii agarsanii, ta’iiwwaan seenawaa sirnoota abbaa irree keessatti raawwataa turan kan asoosamoota addaaddaa keessatti barreeffamanii jiran irratti qorannoo gaggeessanii guddina ogbarruufis ta’ee afaaniitiif barbaarbaachisaa ta’uu yabboon kaa’ameera. |
en_US |