dc.description.abstract |
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa itti fayyadama afaanii sirba Galaanaa Gaaromsaa
“Duraanuu” jedhu qaaccessuudha. Qorannoo kana qorachuuf kan qorattuu kakaasan
sirbi kun hawaasa Oromoo hunda biratti jalatamuummaa kan qabu waan ta‟eefi sirba
kana irratti qorannoon adeemsifame hanga hubannoo qorattuutti kan bira hin gahamne
ta‟uu isaati. Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaatti dhimma bahee kan adeemsifame
yoo ta‟u, saxaxa ibsaatin qaacceffame. Malli idddatteessuu dhimma itti bahame mala
iddatteessuu kaayyeffataati. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaati.
Argannoowwan qorannoo kanaas,malleen dubbii sirba duraanuu keessatti argaman maal
ibsuuf weellisaan akka itti gargaarame qaacceffameera. Ciigoo,jechamoonniifi
mammaaksi ergaa isaan dabarsan waliin dhugoomera. Caasaalee walaloo sirbicha
keessatti argaman kanneen akka mana rukkuttaa,wal unanaa jechootaafi bamaqaalee
haala sirbichi miidhagina qabuun dhiyaachuufi filannoo jechoota addaa addaatti
gargaaramuudhan sirbichi akka jaalatamuufi hawaasa biratti fudhatama akkaataa
qabaachuu danda‟uun dhiyaachun isaanii bira gahameera. Afoolawwan Oromoon qabu
keessaa kanneen akka mammaaksa, ciigoo, jechamootafi malleen dubbii garaagarattii
gargaaramuudhan Oromoon diinatti akka garaa isaa hin hagarsiifne,akka diinaaf hin
bitamne, tokkummaadhan socho‟uu akka qabufi rakkoo isatti dhufe kamiiyyuu mariifi wal
tumsuun of irraa deebisuu akka danda‟an weellisan ittiin gorsa kan kenneedha. Dhuma
irratti sirbi meeshaa ilmi namaa wanta keessoo isaatti dhagahame tokko ittiin baasani
ibsachuu ta‟uu isaa hubachuun itti fayyadama afaanii caalatti beekudhaaf
dhaloonni,haayyoonni, barsiisonni afaanii,artistoonni sadarkaa adda addaa irra jiran
gahee guddatu irraa eegama. |
en_US |