dc.description.abstract |
Qorannoon kun mata duree „„Xiinxala Fookiloorii Sirna Awwaalchaa Aanaa Dandii yoo ta‟u, Saxaxni
qorannoo kanaaf dhimma itti bahames mala akkamtaati. Sababiin malli kun filatameefis ragaan
argame xiinxalamuun kan ibsamedha. Ka‟uumsi qorannoo kana sirni awwaalchaa sababoota
garaagaraa kan akka ammayyummaatiin jijjiirramuu qabiyyee isaati. Gama biraatiin, duudhan sirna
awwaalchaa dhugaan isaa qoratamee barreeffamaan bal‟inaan kan taa‟e hin jiru. Kana
barreeffamaan akka taa‟ee dhalootaaf darbu gochuun barbaachisummaa qorannoo kana yoo ta‟u,
Kaayyoon gooroo qorannichaa xiinxala fookloorii sirna awwaalchaa aanaa Dandii ti. Kana galmaan
ga‟uuf maddi ragaa qorataan dhimma itti ba‟e, madda ragaa tokkoffaati. Maddi raga kunis hawaasa
aanaa Dandii keessaa iddattoowwan filataman manguddoota, abbootii gadaafi hayyoota yemmuu
ta‟an, iddattoowwan kanneen filachuuf tooftaalee iddatteessuu miti carraa ta‟ee, mala iddattoo
kaayyeffataafi darbaa dabarsaatti dhimma bahee jira. Iddattowwan filataman irraa odeeffannoon
meeshaalee funaansa ragaa daawwannaa, af-gaaffiifi marii garee xiyyeeffataa yoo ta‟u, gaaffilee
akka duudhaaleen sirna awwaalchaa keessatti maal akka ta‟an, meeshaaleen aadaa sirna awwalchaa
keessatti tajaajilan fakkoommii maalii akka qaban, aartiin ogummaa sochii qaamaa sirna
awwaalchaa irratti mul‟atan hiikoo maalii akka qabaniifi ogafaan sirna awwaalchaa keessatti
dhimma itti ba‟aman ergaa maalii akka dabarsan bira ga‟ameera. Yaadiddamoota kanneen akka
daayeessa Aadaa Hawaasaafi Dayeessa Fayyadeessummaatti dhimma ba‟uun xiinxalamuun,
argannoowwan qorannoo kanaas duudhaaleen sirna awwaalchaa aanaa Dandii keessatti mul‟atu
hirmii baafannaa,reeffa kafanuu,midhaan warra du‟aa qopheessuu,biyyoo argachiisuu,eebbisuu,
Meeshaaleen aadaa sirna awwaalchaa irratti dhimma itti bahaman jirbiidhaan gannasuun jireenyi
nama sanaa sochii kamiyyuu dhaabuutti,abujadee adiidhaan kafanuun jireenyi nama sanaa gahee
dhaabbachuutti,uffanni gadda namni du‟e sun dukkana keessatti galuutti,sibiilli sanduqa reeffaa
keessa kaa‟amu ittistuu budaatti, sanduuqni reeffaa mana galgalaatti kan fakkeeffamudha. Aartiin
sochii qaamaa sirna awwaalchaa mataa qabachuun badiitti, harkaan dugda qabatanii gad jechuun
nama du‟e sana barbaaduutti, harka facaasuun komii waaqaaf dhiyeessuutti, harkaan afaan
qabachuun waan dubbatan wallaaluutti kan hiikamuufi ogafaan sirna awwaalchaa ani badeen namni
sun narraa adda bahuun isaa naballeesse, oofaniin namni sun oofamee fageeffamuufi duubdeebii kan
hin qabne ta‟uu,eebbi namoonni maatii nagaatti akka galan hawwuu ergaa kan ittiin dabarsan
ta‟ee,yaboon qorannichaas duudhaaleen hawaasaa mul‟atan, fakkoommiin meeshaalee aadaa,hiikoon
aartii ogummaa sochii qaamaafi ergaan ogafaan sirna awwaalchaa dhimmoota falaasama hawaasa
aanichaatiin waan walqabatuuf kunuunfamee dhaloota dhufuuf osoo dabarfamee baay‟ee gaariidha. |
en_US |