Abstract:
Qorannoon kun sirna raawwannaa gaa’ela kaadhimannaa Oromoo Maccaa Aanaa Amboo irratti xiyyeeffata. Kanaan dura qorannoon mataduree Gaa’ila Oromoo Aanaa Amboo irratti qoratame waan hinjirreef beekkumsaafi safuu gaa’elaa hawaasichaa ibsuu keesatti gahee olaanaa qaba. Kaayyoon gooroo qorannochaa haala raawwii sirna gaa’ela naqataan Oromoo Maccaa aanaa Amboo xiinxaluudha. Saxaxni, qorannooo kanaa gaggeessuuf dhimma baham. Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaatti gargaaramuun kan adeemsifame yoo ta’u, malli iddatteessuu dhimmi itti ba’ame immoo mala iddattoo akkayyootiin. Maddi ragaa qorannoo kanaas, madda ragaa tokkoffaati. Maddi ragaa tokkoffa kunneenis, namoota kutaa hawaasaa keessaa iddattoof filataman tahee, beekumsa isaan dhimma kanarratti qaban qaaman biratti argamuun meeshaalee funaansa ragaa keessaa afgaaffiifi marii garee fayyadamuun qorannoon kun gaggeeffamee jira. Bu’uuruma kanaa qorannoo kanaan firiiwwaan adda addaa argaman keessaa sirni kun sadarkaalee gaa’ilaan duraa, guyyaa gaa’ilaa, gaa’ilaan boodatti adeemsooleen akka qorii maatii, marga erguu, biqila laallaannaa, sirna qubeellaa, Amoolee geessuufi guyyaa gaa’ilaa afwalaloo adda addaa bakkee lamanittuu gaggeessuu, qoobii fudhannaa, kennaa obboleessaf kennamu, hirma furaafi eebbi mana maatii lamaniti kan raawwatamu tahuun kan bira gahameefi fakkoommiiwwan akka Aannan biifuu, amartii keewwachuu, fardatti aggamuu, alangaa qabachuu, hindhee cabsachuu, bilillee kennuufi baala manarratti darbachuu malitti akka fakkeeffamaniifi hiikni isaanii bira gahameera. Akkasumas, sirni kun gama hawaasummaan kabajaafi jaalala maatii lamaanii keessatti gahee guddaa kan qabuufi dhiibbaan sirna naafaxanyaa sirna kana cabsaa dhufuun kanneen akka safuu uummataa, guddina afaansaarratti dhiibba akka fide bira gahameera. Kanaaf, xiinxala gaggeeffame irratti hundaahuun sirna gaa’elaa Oromoo aanaa Amboo adeemsa bal’aa keessa kan darbuufi ergaa adda addaa kan qabu tahuun adda bahee jira. Argannoo qorannichaa irraa kahuun sirnoota gaayilli ittin gaggeeffamu biroo irratti qorannoon otoo gaggeeffamee bu’uura wayii tahuu danda’a kan jedhu qorannichi kallattii niakeeka