Abstract:
Gumaan jiruufi jireenya hawaasaa keessatti seeraafi dambii ,aadaafi duudhaa ganamaa kan Walin ture kan mataa ofii qaba.Uummanni Oromoos seeraafi dambii ,duudhaafi aadaa ittiin jiraachaa tureefi ammas kan ittiin jiraatu qaba.kanumarraa ka’uun seerri gumaa dhaloota itti aanuufis akka darbu gochuuf gaheen hayyootaa salphaa miti .Kun ammo kan ta’uu danda’u keessaa tokko qorannoodhaan deeggaramaniiti. Kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa sirna gumaa beelladoota manaa baasuu godina Shwaa Lixaa Aanaa Amboo raawwii isaa hordofuun xiinxaluudha. Akka waliigalaatti Oromoon naannoo jireenya isaa keessatti wantoota waliin jiraatan waliin nagaan jiraachuuf,akkasumas itti jiraachuuuf uumaarraa kan kennamedha.Seera kana cabsanii yoo miidhaa irraan ga’an yookin yoo seeraan ala ajjeesan adeemsa gumaa baasuutiin mirgi isaanii kabajama. kanarraa ka’ee yeroo ammaa kana aadaa gumaa beelladootaa baasuu uummata Oromoo aanaa Amboo qorachuun beekumsa kana dhaloota ittiaanuuf dabarsuuf gahee olaanaa qaba. Saxaxni qorannoo kanaa akkamtaa yoo ta’u maddi ragaalee qorannichaa ,madda raga 1ffaa ta’a. Maddi raga 1ffaan maanguddootaafi hawaasa Aanaa Amboo duudhaa gumaa beelladootaa baasuurratti beekumsaa fi hubannoo qaban ta’u. Ragaalee qorannichaa,iddattoowwan,tooftaaleen iddatteesuu miti carraa kaayyeffataa fi darbaa dabarsaatti fayyadamuun dhimma bahameera. Meeshaalee funaansa ragaa kanneen akka afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannoofi sakatta’a barruuleetti dhimma bahamaniiru.Ragaaleen funaannamanis mala xiinxala ragaa ibsaatiin xiinxalamaniiru. Yaadiddama fayyadeessummaa fi yaadiddama xiinsammuutti dhimma bahuun qorannoo kana gaggeessuun danda’ameera. Gama biraatiin argannoon irra gahame gumaan isaanii akka duudhaa sirna gadaa oromootti yeroo baafamu bakka isaan heddumminaan argamanitti geessanii jidduutti naquun hoo gumaakee,naafaraarami,haaloonatti hinqabatin,jechuun adeemsa walduraa duubaa eegee baasuunn balaafi badii hedduurraa nama oolchuuf fala kana falatu. Meeshaaleen yeroo sirni kun itti gaggeeffamu barbaachisanis:caaccuu,distii,billaa fi kanneen biroo dhimma itti Bahaman kan mataa isaa akka qophaa’uu qabu bira gahameera. Dabalataanis yeroo gumaan beelladootaa kun ittibaafamu Ogafaan dhimma gumaa beelladootaa itti baasuu keessatti barbaachisan haala adda addaan dhimma itti bahamee jira. Yaada furmaataa qorannoo kanaa kan ta’an, gumaan beellada seeraan ala ajjeefamee bahuu baannaan miidhaan adda addaa qe’ee namaa irratti akkasumas jiruuf jireenya namaa irratti waan dhufuuf sirni kun turuu akka qabuu fi ofeeggannoon gahee nama hundaa akka ta’u, dhimmamtoonni hundi otoo adeemsa walduraa duuba isaa eeganii aadaan kun akka tursiifamu ta’ee gaarii ta’uu, meeshaaleen gumaa beelladootaa baasuu keessatti barbaachisan akka hin dagatamne Waajirri Aadaaf Tuurizimii Aanaa Amboo beekumsa gumaa beelladootaa baasuu hawaasa keessa jiru osoo barreeffamaan kuusee duudhaan uummata Oromoo akka turuuf haala mijeessee gaariidha