WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Ga‟umsa Gaaffilee Qormaata Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 8 Bara 2015”

Show simple item record

dc.contributor.author Calqabaa, Guddataa
dc.date.accessioned 2024-08-29T07:11:26Z
dc.date.available 2024-08-29T07:11:26Z
dc.date.issued 2024-06
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3891
dc.description.abstract Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa ga‟umsa gaaffilee qormaata Barnoota Afaan Oromoo kutaa 8 bara 2015 xiinxaluun ibsuudha. Saxaxni qorannoo kanaa qorannoo makaa ibsaa yoo ta‟u, malli qorannoo kana geggeessuu keessatti hojiirra oole mala qorannoo makaati. Maddi ragaa qorannichaas, madda ragaa lammaffaati. Ragaan qorannoo kanaa mala xiinxala dookimantiin funaaname. Malli iddatteessuu dhimmi itti ba‟ame carraa salphaafi akkayyoodha. Mala iddatteessuu carraa salphaatti fayyadamuun kutaalee magaalaa Finfinnee jiran keessaa kutaalee magaalaa „Nifaas Silk Laaftoofi Kolfeen filatamanii jiru. Mala iddatteessuu akkayyootti gargaaramuun immoo, manneen barnootaa kutaalee magaalaa lamaan keessaa ja‟a(6) ta‟antu filatamanii jiru. Ragaaleen xiinxala dookimantiin walitti qabamanis mala akkamtaafi hammataan qaacceffamanii jiru. Argannoowwan qorannoo kanaan adda baafamanis: ulfaatinni gaaffilee qormaata barnoota Afaan Oromoo xummuraa sadarkaa Giddugaleessaa Kutaa 8ffaa bara 2015 Bulchiinsa magaalaa Finfinnee qoramanii harki caalaan yookiin 36 (%62) rakkoo akka qabu hubatameera. Gaaffileen baay‟een qormaata kanaa yookiin 47 (%81) gama humna dandeettii barattoota adda baasuutiin gaarii ta‟uu bira ga‟ameera. Gama gaarummaa filannoowwaniitiinis gaaffilee kunneen baay‟een yookiin 228 (%98.3) fudhatamoo akka ta‟an adda ba‟eera. Haata‟u malee, gaaffiin qormaataa tokko guutummaatti gaariidha kan jedhamu yoo qabxiilee sadan jechuunis ulaagaa ulfaatinaa, humna barattoota adda baasuufi gaarummaa filannoowwanii guutee argamedha. Rakkoo gaaffileen qormaataa kun qaban furuuf, qaamni qormaata kana qopheessuu osoo gaaffilee qormaataa hinqopheessiin gaaffileen qophaa‟aan sadarkaa dandeettii barattootaa waliin akka deemuuf dandeettii barattootaa itti dhiheenyaa hordofuufi adda baasuun hubachuu. Gaaffileen qormaataa qophaa‟an dandeettii barattoota cimoofi suuta baratoo akka adda baasuu danda‟utti qopheessuuf humna tokkoon tokkoon gaaffilee qormaatichaa xiyyeeffannoo keessa galchuu danda‟uu. Tokkoon tokkoon filannoo gaaffileef dhiyaatan akkaataa gaaffilee qormaatichaa waliin deemuun danda‟uutti qindeessuu. Tokkoon tokkoon gaaffileefi filannoowwan qormaatichaa gadi fageenyaan dubbisuun: Gulaaluun dogoggora jiru sirreessuufi qajeelfamoota ifoofi barbaachisoo ta‟an kennuu mirkaneessuu danda‟uudha. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Ga‟umsa Gaaffilee en_US
dc.subject Kutaa 8 en_US
dc.title Xiinxala Ga‟umsa Gaaffilee Qormaata Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 8 Bara 2015” en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account