dc.description.abstract |
Kaayyoon qorannoo kanaa kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa 6ffaa_8ffaa keessatti Afoolaawwan dandeettii afaanii barsiisuuf dhiyaatan xiinxaluudha. Akkasumas, kaayyoon gooree: Gooroowwan afoolaa kitaabilee kanneen keessatti dandeettii afaanii barsiisuuf dhiyaatan adda baasuu, akaakuu afoolaa kamiin irra caalaatti dandeettii afaanii birsiisuuf akka fayyadame ibsuu, facaatiin afoolatti fayyadamuun dandeettii afaanii kutaa6ffaa-8ffaa barsiisuu maal akka fakkaatu tarreessuufi kkf ibsamaniiru. Bu'aalee kanneen galmaan ga'uuf malli qorannoon kun ittiin gaggeeffame mala akkamtaadha. Akkasumas, mala iddattoo miti carraa filate keessaa akkayyootti dhimma ba'e. Meeshaalee funaansa ragaalee afgaaffiifi sakatta'a barruutti gargaarame. Ragaaleen afgaaffiifi sakatta'a kitaabaan walitti qabaman jechaan ibsuun xiinxalli taasifame. Bu'aa qorannichaan arganis, gooroowwan afoolaa dandeettiiwwan afaanii ittiin barsiifame: Geerarsa, hibboo, mammaaksa, durdurii, weedduu, faaruu loonii, mirrisa, jechama, ciigoo, dubbii qolaa, urursa daa'immaniifi tapha ijoolleeti. Akkasumas, kitaabilee barnootaa kanneen keessatti afoolaawwan irraa caalaatti itti fayyadame: Geerarsa, mammaaksa, hibboo, durduriifi faaruu looniiti yoo ta'an dandeettii dhaggeeffachuufi dubbachuu dhibbantaa (16.836%) yoo barsiifaman, dandeettiin dubbisuufi barreessuu dhibbantaa(17.643%) barsiifamaniiru. Kana malees, facaatiin afoolaa akkaataa walcaalmaa isaaniin yoo taa'an: Kutaa 6ffaa(13.4%) > kutaa7ffaa(10.68%) > 8ffaa(10.476%) walduraaduubaan mul'atan kanaan bu'aa qorannoo kanaati. Shaakala dandeettii afaanii garaagaraa ittiin qopheessuuf gooroowwan afoolaa isa kamitu dandeettii afaanii kamfaa irra caalaatti barsiisuuf bu'a qabeessa kan jedhu bifa qorannootiin ykn barreeffamaan Afaan Oromoon qoratamee osoo taa'ee gaariidha kan jedhu yaada furmaata qorannichaati |
en_US |