dc.description.abstract |
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa asoosama dhoksaa jireenyaa yaadiddama Caasessummaan xiinxaluudha. Qorannoo kana geggeessuuf waanti qorataadhaaf ka’umsa ta’e, xiyyeeffannoo dhabuu qorannoo qeeqa ogbarruuti. Keessattuu qorattoonni yaadiddama Caasessummaa gargaaramuun asoosamoota Afaan Oromoo xiinxaluun xiyyeeffannoo kan hin arganne ta’uusaati. Ogbarruun imaammata qeeqa ogbarruu dhabuun ammoo hojii ogbarruu cimsuu keessaati laafiinni jiraachu kan agarsiisudha. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun kan adeemsifame yoo ta’u, malli iddatteessuu dhimmi itti ba’ame ammoo mala kaayyeffataati. Maddi ragaa qorannoo kanaas, madda ragaa tokkoffaa yoo ta’u, maddi ragaa tokkoffaa kunis, kitaaba asoosama dhoksaa jireenyaati.Malli funaansa ragaa dhimma itti ba’ame immoo mala xiinxala barruuti.Argannoowwan qorannoo kanaas dhimmoonni aadaafi hawaasummaa caaseffamaa seeneffama asoosamichaa keessatti seenaa nafakkiiwwaniitiin aadaan akkamiin hawaasa keessatti dhiibbaa olaantummaafi gadaantummaa uumuu akka danda’u adda ba’eera.Asoosama dhoksaa jireenyaa keessatti dhimmoonni aadaafi hawaasummaa namfakkiiwwan gurguddoo ilaalchisee kallattii garaagaraatiin mul’achuuun hubatameera.Dhimmoonni aadaa fuudhafi heerumaa akkasumaas gareen hawaasummaa adda addaa hawaasa keessaa jiraachuu hubatameera. Akkasumaas, dhimmoonni caasaa namfakkiiiwwan walqabaatan baayy’een mul’ataniiruu ,eenyummaa jijjiiramaa qabaachuun kanneen asoosamaa dhoksaa jireenya keessatti argamaan jijjiiramaa hiikaaf sababaa akka ta’an hubatamaaniruu. Kanaaf, qorattoonni biroo gooroowwan ogbarruu Afaan oromootiin hojjetaman irratti kallattii yaadiddama Caasessummaatiin hojjechuun namfakkii faayyadamuun ogbarruun jireenya addunyaa dhugaa agarsiisuuf qabu, dhimmoonni aadaan walqabatanii hawaasa keessatti beekamaan qorachuun barbaachiisaadha |
en_US |