dc.description.abstract |
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa walaloo Edas Eadans ija yaaxxina bifiyyeetiin
qaaccessuudha. Qorannoon kun mala akkamtaa ta’ee qorannoo ibsaatiin hojiirra oole. Malli
iddatteessuu qorannoo kana keessatti dhimma itti bahame miti carraa keessaa akkayyoo
yommuu ta’u, madda ragaa tokkoffaatu dhimmabahame. Innis, kitaaba ‘Edas Edanas’ jedhamu
keessaa ragaaleen funaanamuun qaacceffamaniiru. Tooftaaleen ragaan ittiin funaanaman
xiinxala hafeewwanii walaloo keessaa fudhatamaniiti. Ragaaleen funaanaman, mala
akkamtaatiin qaacceffamanii dhiyaataniiru. Qorannoo hojjatame keessatti malleen dubbii
kanneen akka akkasaa, nameessuu, habalaka, iddeessuu, nameessuu, arbeessuu, mitiyyeefi
walqabsiisuu fayyadamuun barreeffamaniiru. Akkasumas, malaawwan barruu: addeessuu, hima
egeree, duubdeebisa, waliin haasaafi ofiin haasaa jedhaman kitaaba kana keessatti hojiirra
ooluu isaanii hubatamee jira. Dabalataanis, suuressuuwwan adda addaa: suuressuu argee,
suuressuu dhageettii, suuressuu fuunfannaa, suuresssuu qaqabannaa, suuressuu qaama
keessoofi suuressuu sochii walaloo kana keessatti dhimma itti bahamaniiru. Kun ammoo,
miidhagina walaloo kanaatiif gahee guddaa taphateera. Kana malees, irraa maqiinsi
dhugummaa sadarkaa himaatti, irraa maqiinsi siyaasaa, irraa maqiinsi abshaalummaa
mul’ataniiru.Walumaa galatti, dhimmooni kunniin akka malleewwan dubbii, malaawwan
barruu, suuressuufi irraa maqiinsi walaloo kana keessatti argaman miidhaginaafi
fudhatamummaa kitaaba kanaatiif gatii guddaa kennaniirru |
en_US |