Abstract:
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa Xiinxala itti fayyadama afaanii sirboota Kumalaa Addunyaafi Angaatuu Baalchaa xiinxaluu yoo ta’u,sirbi kun diddaa gabrummaa Oromoon taasise keessatti ga’ee olaanaa taphate.Keessumaattuu naannoo bara 1997 irraa eegalee uummatni Oromoo sirba kana iddoo garaa garaatti qabsoo itti fufuun yaada isaa sirba kanaan ibsachaa ture.Hanga qorataan hubatetti ammoo namni sirbicha irratti qorannoo geggeesse hinjiru.Ka'umsi qorannoo kanaas sirboota aartistoota kanaa gama fayyadama afaaniitiin qorannoo adeemsisuun ergaa isaafi gumaacha sirbichi uummata Oromootiif buuse ifoomsuudha.Egaa qorataan jijjiiramootni sirboota Kumalaa Addunyaafi Angaatuu Baalchaa hordofuun mul’atan kun maalirraa maddan isa jedhu addaan baasuuf fayyadamni afaanii sirba kana keessatti gama fayyadama malleen dubbii,fayyadama jechootaa, jechamaa, cigoo, fayyadama caasaan akkasumas ilaalchaafi abdiiwwan jiran agarsiisuuf akkamitti akka ibsaman adda baasuuf qorannoon kun geggeeffameera.Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uuf malli