dc.description.abstract |
Qorannoon kun gahee hiibboon Oromoo ijoollee barsiisuuf qabu xiinxaluurratti kan xiyyeeffatedha. Ka'umsi qorannichaa qorannoon afoola Oromoo keessaa hiibboon akka aanicaatti hojjetamee waan hin jirreef qorataan mata duree kanarratti hojjechuuf ka'umsa godhatee jira. kaayyoon qorannichaas gahee hibboon Oromoo ijoollee barsiisiuf qabu xiinxaluun ibsuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf gosa qorannoo akkamtaatu hojiirra oolee jira. Qorannoo kana galmaan gahuuf ragaaleen hawaasa aanichaa keessaa manguddoota, barsiisota, hojjettoota waajjira Aadaaf Turizimiifi ijoollee irraa kan walitti qabamedha. Odeef kennitoonni kunneenis mala iddatteessuu akkayyootiin kan filataman yoo ta'u, odeeffannoon odeefkennitoota irraa maloota funaansa ragaa kanneen akka afgaaffii, daawwannaafi marii gareetiin walitti qabamanii meeshaa waraabbii adda addaatti gargaaramuun barreeffatti jijjiiramuun xiinxalamee kan ibsamedha. Argannoon qorannichaas, hiibboon ijoolleen dandeettiiwwan afaanii arfan keessaa dhaggeeffachuufi dubbachuu caalumatti kan gabbisu ta'uu bira gahameera. Akkkasumas, ijoolleen hiibboodhaan wantoota naannoo isaaniitti argaman bifa gaaffiif deebiitiin kanneen lubbu qabeeyyiifi lubbu dhabeeyyii ta'an kan baratan ta'uufi inni dhumaa immoo ijoolleen hiibboodhaan dandeettii yaaduu isaanii kan ittiin gabbifatan ta'uu qorannoo kanaan bira ga'amee jira. Yaaxxinni qorannoo kanaaf hojiirra oole yaaxxina fayyadeessumma(functional theory)ti. Haaluma kanaan qorannichi qabxiilee kanneen akka cuunfaa qorannichaa, yaboo(yaada furmaataa) akkasumas, wabiileefi dabaleewwan of keessatti haammachuun kan hojjetameedha. Walumaagalatti qorannoon kun dhimmoota afoola Oromoon walqabatan keessaa hibboorratti xiyyeeffatee akka godina Shawaa Lixaa aanaa Ejersa Lafootti jedhuun hojjetamee kan dhiyaatedha |
en_US |