WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Rakkoolee Dandeettii Afaan Oromoo Dubbisuu Barattootaa: Mana Barnootaa Giincii Sadarkaa 1ffaa Kutaa 8ffaa Gannat Baqqalaa

Show simple item record

dc.contributor.author Gannat, Baqqalaa
dc.date.accessioned 2024-02-23T11:48:59Z
dc.date.available 2024-02-23T11:48:59Z
dc.date.issued 2015-05
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3506
dc.description.abstract Dandeettiin dubbisuu adeemsa barachuu keessatti akkasumas barnoota afaanii keessatti baay’ee barbaachisadha. Kaayyoon qorannoo kanaas, rakkoolee dandeettii Afaan Oromoo dubbisuu barattootaa mana barnootaa Giincii sadarkaa 1ffaa kutaa 8ffaa xiinxaluudha. Mataduree kanarratti akka qorannoo gaggeessitu wanti qorattuu kakaase rakkooleen dandeetti Afaan Oromoo dubbisuu barattootaa ga’umsaan barachuu isaanii irratti dhiibbaa uumuu danda’a jette waan amanteefi.Barattootaa kutaa 8ffaa baratan 293 keessaa mala carraa keessaa tokko kan ta’e iddatteessuu haxa (systematic sampling) dhimmma bahuun barattoota 75(26%) filachuun odeeffannoo kennuu keessatti hirmaatanii jiru. Barsiisonni kutaa kana barsiisan sadi qofaa waan ta’aniif hundi isaanii odeeffannoo kennuudhaan qorannoo kana keessatti akka hirmaatan mala iddatteessuu ammargeetti dhimma bahamee jira.Meeshaaleen funaansa ragaalee bargaaffii, afgaaffi akkasumas,daawwannaan daree marsaa lamaan hojiirra ooleera.Odeeffannoon argames akka walfakkeenya isaanitti walitti fiduun mala akkamtaafi hammamtaatiin qaacceffamee hiikni itti kennameera. Qaacceessa taasiifame irraa argannoon argame rakkooleen dandeettii Afaan Oromoo dubbisuu barattootaa yoo xiinxalamu; barattoonni sagaleewwan, jechoota Afaan Oromoo adda baasuun dubbisuu dadhabuu, himoota qindeessanii dubbisuu dadhabuu, sirna tuqaaleetti fayyadamuu dadhabuufi hiika jechootaa wallaluun ergaa dubbisaa hubachuu dhiisuu ta’uu ragaaleen argaman mirkaneessaniiru. Kanaafis, furmaata kan ta’u barsiisonni kaayyoo dubbisuu hubachiisuun dubbisa shaakalsiisuu, barsiisonni dubbisa sagaloo madaaluun sirreeffamafi deeggarsa barbaachisaa ta’e barattootaaf haala quubsaa ta’een kennuu, tarsiimoolee dubbisuu hojiirra oolchuu, dalagaalee dubbisuun duraa, wayitii dubbisuufi dubbisuun boodaa guutumatti akka kaayyoo isaanitti hojirra oolchuu, barattoonnis kaayyoo dubbisuu hubachuun xiyyeeffannoo kennuun dubbisuu shaakaluufi dhimmamtoonni barnootaa immoo rakkoolee hanqina kitaabolee Afaan Oromoo guutuun barbaachisaadha en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Rakkoole en_US
dc.title Xiinxala Rakkoolee Dandeettii Afaan Oromoo Dubbisuu Barattootaa: Mana Barnootaa Giincii Sadarkaa 1ffaa Kutaa 8ffaa Gannat Baqqalaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account