WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

“Xiinxala walaloo Sirboota Galaanaa Gaaromsaa Albeema Baallii: yaaxxina Bifiyyeen

Show simple item record

dc.contributor.author Abbabaa, Goobanaa
dc.date.accessioned 2024-02-16T05:59:21Z
dc.date.available 2024-02-16T05:59:21Z
dc.date.issued 2023-11
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3499
dc.description.abstract Waraqaan qorannoo kun mataduree, “Xiinxala Walaloo sirboota Galaanaa Garomsaa Albeema Baallii” jedhurratti kan gaggeeffamedha.Kaayyoon qorannichaas, xiinxala walaloo sirboota Galaanaa Gaaromsaa Albeema Baallii yaaxxina bifiyyeen xiinxaluudha. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaan kan gaggeeffame yoo ta’u, tooftaa iddatteessuu miti-carraa keessaa akkayyootti gargaarameera. Meeshaalee funaansa ragaa qaaccessa dookumentiitti kan xiinxalamedha. Argannoowwan bu’aa qorannichaan argamanis: Gaaffiilee dubbiiwwaan qolaa /malleen dubbii walaloo sirboota kana keessatt argaman jedhuuf, malleen dubbii kanneen Akka: Mitihee, Nameessaa, Bakkasaa Fakkoommii fiArbeessuun argamaniiru. Gaaffilee Qabiyyeewwan walalicha keessatti argaman jedhuuf kanneen akka: walaloo sirboota ergaa gootummaa agarsiisan, walaloo sirboota siyaasaa agarsiisan, walaloo sirboota tokkummaa agarsiisan, walaloo sirboota jireenya hawaasummaa agarsiisan, walaloo sirboota duudhaa hawaasa agarsiisan, walaloo sirboota jaalalaa agarsiisan argamaniiru. Gaaffilee unka walalicha keessatti argaman jedhuuf Walaloo sirboota Albeema Baallii kana keessatti walaloon sirboota tokko tokkoo birsagootaa wal qixa hin qabani; akkasumas wal unata sagaleelee kan hin qabne ta'uu qorannoo kanaan bira gahameera. Yaboo qorannichaan kaa’ame walaloo sirbootaa xiinxaluun xiyyeeffannoon isaan yeroo sanatti maal akka ta'e ibsuun dhalootaaf barreeffamaan dabarsuun bayeessa. qabiyyee sirbootaa haala garagaraan hubatamuu waan danda’uuf faayidaa sirbi qabu xiinxaluun osoo irraa baratamee gaariidha. Walaloo sirboota Albeema Baallii filataman keessatti malleen dubbii hedduun osoo gargaaramee bayeessa. Walaloo sirboota Albeema Baallii kana keessatti birsagoonni walaloo osoo wal qixa ta’ee gaarii ture. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject walaloo en_US
dc.subject Albeema en_US
dc.title “Xiinxala walaloo Sirboota Galaanaa Gaaromsaa Albeema Baallii: yaaxxina Bifiyyeen en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account