dc.description.abstract |
Kaayyoon qorannoo kanaa gilgaalota barreessuu kitaabilee barnootaa Afaan Oromoo kutaa 7ffaafi 8ffaa bara 2005 qophaa’ee xiinxaluudha. Qorannoo kanaaf ka’umsa kan ta’e komee barsiisotaa yeroo gilgaalicha barattoota shaakalchiisan mul’atuufi qorataan yeroo barsiisuutti gilgaalota kanaa hanqina qabaachuun isaani waan itti mul’atef akka qoratamuu qabu murteessee qorannoo kana gaggeessera. Kaayyoo kaa’ame bakkaan ga’uuf maloota qorannoo keessaa makaan dhimma itt ba’amee jira. Meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kanaas sakatta’a barruufi afgaaffii barsiisota mana barumsaa Caancoo Qorkee sadarka 1ffaatti Afaan Oromoo barsiisanidha. Maddi ragaa qorannoo kana madda ragaa tokkoffaafi lamaffaatti fayyadamuun qorannoo kun gaggeeffammera. Akka madda ragaa sadarka 1ffaatti kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 7ffaafi 8ffaa fudhatamaniru. Akka madda ragaa sadarka 2ffaatti immoo barsiisonni odeeffannoo Kennan fudhatamaniru. Qorannoon kun tooftaa iddatteessuu al-carraa keessaa iddatteessuu kaayyeffametti dhimma baahera. Odeeffannowwan sakatta’a kitaabaa baratafi barsiistotaa irraa argaman mala akkamtaafi ammamtaan xiinxaluun xiinxalamanii jiru. Akka ragaaleen xiinxalamanfi afgaaffiin barsiisotaa mul’isanitti gilgaalota dandeettii barreessuu Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo kutaa 7ffaa fi8ffaa hanqina qabaachuunsaa hubatameera. Hanqinaalee mul’atan kun gilgaalonni kun baay’na gilgaalota waliigalaa wajjiin yemmuu ilaalamuu moo bakki dandeettii barreessuutiif kitaabilee kana keessatti kenname nixiqqaata. Kanaafuu,gilgaalonni dandeettii barreessuu boqonnaalee hunda keessatti hammatamuu dhabuun isaanii gilgaalota dandeettii barreessuutiif xiyyeeffannoon kenname xiqqaa ta’uu agarsiisa. Rakkoon qindoominaa gilgaalota dandeettii barreessuu kanneen keessatti mullatan qajeelfamoonni jiran ifa ta’u dhiisu, sirnaan qubeessuu dhabuun, tuqaalee bakka isaani malee galuu, gilgaalonni tokko tokkoo fakkeenyaan deggaramu dhiisuufi akkaataan gilgaalonni barreessuu gosoota barreessuu kitaabilee kanneen keessati dhiyeese jiru akka hanqinaatti kanneen adda bahaaniru.Qorannoon kun hanqinoota kana fooyyeessuun akka danda’amuuf yaadni furmaataa eeramee jira. Argannoon qorannoo kanaan gilgaalonni dandeettii barreessuu boqonnaalee hunda keessatti argamuu dhabuu, qindoomina gilgaalota dandeettii barreessuu ilaalchisee yemmuu kitaabileen kun barreeffamuu qubee keessaa hir’isuufi itti dabaluu, sirni tuqaalee bakka hinbarbaachifnetti galuu, qajeelfamooni gilgaalota dandeettii barreessuutiif kenname ifa ta’u dhabuufi haalli dhiyaannaa gilgaalota kanaa tartiiba gosoota barreessuu kan hordofe ta’uu dhabuun adda baheera. |
en_US |