WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Fakkoommiiwwan Jechootaa, Gochootaafi Meeshaalee Abaarsaa Oromoo Aanaa Liiban Jaawwii

Show simple item record

dc.contributor.author Dachaasaa, Habtaamuu
dc.date.accessioned 2024-02-15T07:22:42Z
dc.date.available 2024-02-15T07:22:42Z
dc.date.issued 2022-04
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3490
dc.description.abstract Kaayyoon gooroo qorannichaa Fakkoommii Jechootaa, Gochootaafi Meeshaalee Abaarsa Oromoo Aanaa Liiban Jaawwii xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatudha.Malli qorannoo kana geggeessuu keessatti hojiirra oole mala qorannoo akkamtaa ibsaati. Maddi qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaadha. Malli iddatteessuu dhimma itti ba’ame immoo mala iddatteessuu kaayyeffataafi darbaan dabarsaati. Meeshaalee funaansa ragaaf itti gargaarame immoo daawwannaa,afgaaffiifi marii garee turan.Odeeffannoowwan walitti qabamanis akka ijootti Yaaxxina Fakkoommiitiin xiinxalamaniiru. Argannoowwan qorannoo kanaas: Abaarsi gocha namni yoo seera uumaafi uumamaa namni cabsee yoo argame raawwatamudha. Abaarsi kan gaggeeffamuuf hariiroon hawaasaa akka cimuuf, seerri Waaqni kaa’e akka kabajamuuf hawaasni akka walkabajuuf, waldanda’ee jiraatuuf, badiin deebi’ee akka hinraawwatamne gochuuf kan garaggaaru ta’uudha. Abaarsi waan hamaatti ykn hafuura hamaatti akka fakkeeffama.Meeshaalee yeroo abaarsaa dhimma itti bahame: Eeboon tarkaanfii Waaqni fudhatuutti, alangeen dhiyaate wanti jedhamaa ture seera akka ta’u mirkaneessuutti,Intala firaan walquunnamtii saalaa goote faandoo harree dibuun gochi kees akka harreeti jechuutti, Faltii horii hudduu ittiin muuduun, horii ta’i akka jechuutti kan fakkeeffamu ta’uun bira gahameera. Jechamni Karaatti hafii bakka yaadde hingahiin; umurii malee lafarraa dhabami; ija dhabiin ijoollee hinargatiin; diroo hinqabaatiin akkasumas, gogi sihaagogsu jedhu immoo jireenya keessaa bahi jechuutti akka fakkeeffamu bira gahameera. Gochi eeboo lafa hanqisuun hundee dhabi, hinjabaatiin, qabeenyaa dhaabbataa dhabuu, joonjayee raatayee biyyaa bahuutti fakkeeffama. Eeboo qarasaatiin lafa tuquun, eeboo Waaqaan akka waraanamu, akka hinjiraanne, akka du’u jechuutti fakkeeffama. Waraanni ciibsamuun seera tumuu, waadaa galchisiisuu, abaaruu kan jedhutti kan fakkeeffamudha. Eeboo kaasuun, isa badii hojjete abaaruu, Waaqayyo biyyaaf nagaa akka buusu, sa’aafi nama nagaa hojjete hundee jabeessu, akka walhoran kadhachuutti fakkeeffama. Alangee diriirsanii dubbatanii eebootti haggatanii rukuchuun murtii kennuuf kan ittiin tuman ta’uutti akka fakkeeffamu bira gahameera. Akka duudhaa ganamaatti yoollee raawwachuu dhiifames dhuunfaadhaan namoonni yeroo miidhaan narra gaheera jedhan wal’abaaru.Ta’us wanti jiru akka qaanqee darbee darbee argamus haalli jiru xiqqaadha. Kanaafuu, abaarsi osoo sirnaan akkaataa duudhaa hawaasichaatti gaggeeffame bu’aa waan qabuuf osoo irratti hojjetame gaariidha.Kanaafuu, Abbootiin Gadaa, abaarsi duudhaa duraatti tajaajila kennu waltajjii argatan maratti barsiisuun gaariidhai.Akkasumas, hayyoonni qoratanii duudhaafi eenyummaa hawaasichaa ifoomsuun bareedaadha. Kana malees, Waajjirri Aadaafi Turiizimii Aanaa Liiban Jaawwiifi jaarmiyaaleen dhimmoota hawaasaa akkanaarratti hojjetan qindaa’uun osoo qoratani aadaa hawaasichaa guddisuufi ifoomsuu keessatti ga’een isaanii gaariidha en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Fakkoommiiwwan en_US
dc.title Xiinxala Fakkoommiiwwan Jechootaa, Gochootaafi Meeshaalee Abaarsaa Oromoo Aanaa Liiban Jaawwii en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account