WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Hojiirra Oolmaa Tooftaalee Iyyaafannoo Dandeettii Barreessuu Daree Barnoota Afaan Oromoo (Kutaa 9ffaa Fi 10ffaa Mana Barumsaa Hoolataa Sadarkaa 2ffaa Irratti Kan Xiyyeeffate

Show simple item record

dc.contributor.author Maganii, Tasfaa
dc.date.accessioned 2024-02-08T07:49:51Z
dc.date.available 2024-02-08T07:49:51Z
dc.date.issued 2015-02
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3487
dc.description.abstract Kaayyoon guddaa qorannoo kanaa hojirra oolmaa tooftaalee iyyaafannoo dandeettii barreessuu mana barumsaa Hoolataa sadarkaa 2ffaa kutaa 9-10 daree barnoota Afaan Oromoo xiinxaluudha. Kaayyoo qorannoo kana galmaan ga’uufis mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa (makaa)tti dhimmi ba’ame. Maddi ragaa qorannoo kanaas madda ragaa 1ffaadha. Maddi ragaa 1ffaan kunis barsiistotaafi barattoota mana barumsaa Hoolataa sadarkaa 2ffaati. Malli iddatteessuu qoraannoo kanaas mala iddatteessuu carraa keessaa mala lotariifi mala iddatteessuu miti carraa keessaa immoo ammargeetti dhimma ba’ame. Kunis mala carraa loteriin barattoonni kan filataman yommuu ta’an, mala ammargeen immoo barsiistotatu filatame. Meeshaaleen funaansa ragaa itti gargaaramame immoo bargaaffii, afgaaffiifi daawwanna dareeti. Ragaaleen funaanamanis mala akkamtaa fi hammamtaan qaacceffaman. Argannoowwan qorannoo kanaas barsiisootni mana barumsaa Hoolataa sadarkaa 2ffaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 9-10 barsiisan yeroo baayyee dandeettii barreessuu barattoota isaanii iyyaafachuuf tooftaalee iyyaafannoo kanneen akka: hojii daree, abbaltii, daawwannaa, battalleefi qorumsatti kan fayyadaman ta’uu hubatameera. Akkasumas, barsiisootni baay’een tooftaalee iyyaafannoo dandeettii barreessuu walqixa hojii irra akka hin oolchine adda ba’eera. Kana malees, rakkooleen tooftaalee iyyaafannoo dandeettii barreessuu hojiirra oolchuurratti barsiisota mudatan: barataan daree keessatti baay'achuu, barsiisonni baay’een tooftaalee iyyaafannoo dandeettii barreessuu irratti walqixa hubannoo dhabuu, wayitiin torbanitti barnoota Afaan Oromoof kenname xiqqaachuu, qabiyyee haguuguuf fiiguu, karoora waggaatiin deemuu dhabuu, barattootni fedhii dhabuufi barsiisootni faayidaa tooftaalee iyyaafannoo dandeettii barreessuu hojiirra oolchuun qabu hubachuu dhabuu, akkasumas, barattoonni harki caalaan tooftaalee iyyaafannoo kanneen akka abbaltiifi hojii manee walirraa garagalchuufi kkf ta’uu adda ba’eera. Kanaaf, barsiistonni tooftaalee iyyaaffanoo dandeettii barreessuu sirriitti hojii irra akka oolchaniif leenjiin hubannoo isaanii dabalu kennuufi dura bu’oonni muummee afaanii deggarsaafi hordoffii taasisuun danqaa jiru osoo hiikaa deemanii gaarii ta’a. akkasumas, manni barumsaas baay’ina barattoota kutaa keessaa haala madaalawwaa biiroon barnoota Oromiyaa kaa’een osoo sirreessuun teesisee gaariidha en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Hojiirra Oolmaa en_US
dc.subject Tooftaalee en_US
dc.title Xiinxala Hojiirra Oolmaa Tooftaalee Iyyaafannoo Dandeettii Barreessuu Daree Barnoota Afaan Oromoo (Kutaa 9ffaa Fi 10ffaa Mana Barumsaa Hoolataa Sadarkaa 2ffaa Irratti Kan Xiyyeeffate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account